-
Jamaaal Muhammad ahmad
- 18/10/2022
sagantaa kana keessatti barnoota seera iidaa akkaataa salataa iidaatiifi kkf tutu ibsame.
Qophessan Shekh Jamaal Muhammad
Akkuma beekamutti ummata islaamaa biratti iida lamaatu jira. Isaanis iida fixrii (soomsn furaa) fii iidul adhaa (iida arafaa) ti. Isaan kuni lameen waggaa waggaan deddeebi'u.
Salaanni iidaa waggaa 1ffaa hijraati eegalamte.
Abuu dawuud anasirraa odeesse-nabiin s.a.w. madiinatti gale (dhufe) warra madiinaa kan guyyaa lama kan iidaa ayyaaneffatanii taphatan qaban '' guyyaan kabajdan kun lameen maali?" jedhee gaafannaan, zamana wallaalummaa kabajuu turree. Jedhaniin, nabiin s.a.w. akki jedheen. Kana lameen ufirraa dhiisaa ayyaana isaan kana caalu lama rabbiin bakka isinii buusee jira guyyaa adhaatiifi guyyaa fixrii..jedheen.
Yeroon salaata iidaa yogguu aduun baatee hanga ulee takka olfuudhamte (eega aduun baatee daqiiqaa 15) irraa kaasee hanga yeroo zuhrii jalatti dhihaatutti dhaabbatti.
Ibnu qudaamaan akki jedhe "salaata iida adhaa ganamaan dursuu barbaachisa, akka yeroon udhiyyaa namaaf bal'attu. Kan fixrii ammo tursiisuutu gaariidha.
Barbaachisaan salaata iidaa dirree bal'ootti bahanii salaatuudha.
Namusa yeroo iida salaatuuf bahanii
Yeroo iida salaatuuf deeman naamusoonni asii gadii kun eegamuu barbaachisa.
Qaama dhiqachuu, uffata bareeda uffachuu, namni dhiiraa qoftiin shittoo godhachuu,(dubartiin yeroo manarraa gadi baatu shittoo godhachuun dhoowwaadha).
Guyyaa iida fixrii osoo salaatatti hindeemne waa nyaachuu, guyyaa iida adhaa ammo hanga salaatarraa deebi'anii nyaatarraa turuu fii yogguu salaatanii galan udhiyyaa isaarraa nyaachuu.
Ganamaan gama dirree iidaa bahuufi yoo dandayame miilaan deemanii dhaquu.
Karaa tokkoon salaata dhaqanii karaa birootiin galuu.
Namni dhiiraa sagalee ol fuudhee waliiwajjiin takbiiraa jechuu nidandaya. Abdallaah ibnu umar irraa inni sagalee olkaasee takbiirtaa jedha, warri masgiidaatis jalaa dhagayeeti takbiiraa jedha " jechaatu odeeffamee jira waan taheef.
Akkaataa takbiiraan itti godhamtu
Allaahu akbar, Allaahu akbar, Allaahu akbar, Laailaaha illallaahu, wallaahu akbar, Allaahu akbar, walillaahil hamdu.
Salaanni iidaa raka'aa 2 . raka'aa duraa keessatti eega takbiiraa hidhannaatii yoggu 7 allaahu akbar jedha. Harka olkaasuun wajjin.
Raka'aa duraa keessatti eega faatihaatii suratul a'ilaa kan lammeessaattimmoo surratul gaashiyaa qara'a.
Yookaan tanduraatti suuraa qaaf tan lammeeysaatti suuraa qamar qara'a. imaamni sagalee olfuudhee qara'a.
ويشرع أن يهنئ المسلم أخاه بنحو قوله:
Akkuma beekamutti iiddi sirna jabaa muslimtoota walitti qabu,yeroo jaalalaan walsimatani, dirree iidaattii fi karaalerrattis magaalaa keeysattis walirratti salaammatanii, harka walfuudhanii, waleebbisuutu barbaachisa (taqabbalallaahu minnaa wa minka) waliin jechuudhaan ibsa gammachuu waliif daddabarsuu barbaachisa. Hiikkaan isaa /nuufii sirraayis Rabbiin haa qeebalu/ jechaadha.
Akkasuma namni hundinuu haadhaafii abbaa isaa, firaafii olla isaa, muslimtootuma hunda karaa bilbilaatiifii sooshaal miidiyaa adda addaatiin yoo ibsa gammachuu kana dabarseef haalaan gaarii taha.