×
sagantaa kana keessatti sadarkaa ji’a muharramiifii soomana aashuuraattu ibsama.

    Sadarkaa ji’a Muharramiifii soomana Guyyaa Aashuuraa

    فضل شهر محرم وعاشوراء

    > oromo <

    Qopheessaan: Jamaal Muhammad ahmad

    —™

    Gulaala- abd elmnan menza

    فضل شهر محرم وعاشوراء

    اسم المؤلف

    الداعية جمال محمدأحمد

    —™

    مراجعة: عبد المنان منزا

    Sadarkaa ji’a Muharramiifii soomana Guyyaa Aashuuraa.

    Jiini muharram kan akka lakkoofsa hijraatti ji’a 1ffaa jalqaba waggaati. Jiini kuni sadarkaa guddaa qaba. Guyyaan 10ffaa isaa aashuuraa jedhama, innis fadlii guddaa qaba, soomanuunis barbaachisaadha.

    Rabbiin s.w. akkana jedha.

    "إِنَّ عِدَّةَ الشُّهُورِ عِندَ اللّهِ اثْنَا عَشَرَ شَهْرًا فِي كِتَابِ اللّهِ يَوْمَ خَلَقَ السَّمَاوَات وَالأَرْضَ مِنْهَا أَرْبَعَةٌ حُرُمٌ ذَلِكَ الدِّينُ الْقَيِّمُ فَلاَ تَظْلِمُواْ فِيهِنَّ أَنفُسَكُمْ وَقَاتِلُواْ الْمُشْرِكِينَ كَآفَّةً كَمَا يُقَاتِلُونَكُمْ كَآفَّةً وَاعْلَمُواْ أَنَّ اللّهَ مَعَ الْمُتَّقِينَ" سورة التوبة 36

    “Lakkoofsi ji’ootaa Rabbi biratti gaafuma samiifi dachii uume kitaaba Rabbii keessatti ji’a kudha lama. Isaan keessaa afur kabajamoodha. Sanatu amantii sirriiti. Isaan keessatti lubbuu keessan hin miidhinaa. Mushrikootas, akkuma isaan tokko ta’anii isiniin lolan; tokko ta’aatii lolaa. Dhugumatti Rabbiin warra isa sodaatan wajjin ta’uu beekaa.” Suuraa towbaa 36

    ، عن أبي بكرة عن النبي صلى الله عليه وسلم قال " إن الزمان قد استدار كهيئته يوم خلق السماوات والأرض ، السنة اثنا عشر شهرا ، منها أربعة حرم ، ثلاثة متواليات : ذو القعدة وذو الحجة والمحرم ، ورجب مضر الذي بين جمادى وشعبان" رواه البخاري

    Abii bakraa ﷺ‬.a. irraa odeeffamee Nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe “ zamanni akka fakkii isaa kan guyyaa Rabbiin samii fii dachii uumeetti naannawee jira, waggaan ji’a kudha lama, isiirraa afur kabajamtuudha, sadihi walitti aanti zulqi’idaa, zulhijjaah,muharram, Akkasuma rajaba gosti mudar kabajju kan jimaada boodaatiifii sha’ibaana jiddutti tahe” bukhaariitu odeesse.

    Egaa Ji’a muharram kana keessa wanti guddaan argame, Injifannoon ifa galaan, Dhugaan kijiba mooyatte, waqtii Rabbiin nabi Muusaa a.s.fi tuuta isaa nagaya baasee fir’oowna fi tuuta isaa ammo bishaanin liqimsiise, guyyaa sadarkaa fi kabajaa guddaa qabu, guyyaan kuni guyyaa kurnaffaa ji’a Muharram irraayi innis guyyaa Aashuuraa jedhamee yaamama.

    عَنْ ‏‏أَبِي هُرَيْرَةَ ‏‏رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ ‏‏قَالَ : ‏قَالَ رَسُولُ اللَّهِ ‏‏صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ ‏: " ‏أَفْضَلُ الصِّيَامِ بَعْدَ رَمَضَانَ شَهْرُ اللَّهِ الْمُحَرَّمُ ، وَأَفْضَلُ الصَّلَاةِ بَعْدَ الْفَرِيضَةِ صَلَاةُ اللَّيْلِ " .
    أخرجهُ مسلمٌ)


    Hadiisa Muslim Sahiiha isaa keessatti baase-Abii hureeyraan Rabbi irraa haa jaalatuu akka odeessetti, Ergamaan Sallallaahu aleeyhi wasallam akkana jedhan: “ Erga soomana Ramadaanatii soomanni mindatti irra caalumsa qabu ji’a Muharram jettanii moggaaftani, irra caaltun salaataa salaata dirqamaa booda; dhaabata halkaniiti”

    Ammas Sahiiha keessatti ibn Abbaas Rabbi irraa haa jaalatu guyyaa Aashuuraa irraa gaafatamee jennaan akkana jedhe: “ Ani Rasuula Rabbii nagayaa fi rahmanni Rabbii isaanirra haa jiraatuu hin agarre isaa soomee sooma san keessatti sadarkaa ittiin barbaadu soomana guyyaa Aashuuraa fi Ramadaana malee’’.
    Akkasumas, Hadiisa Sahiiheeynii keessatti Ibn Abbaas Rabbi irraa haa jaalatu akkana jedhe : “Ergamaan Rabbii S.A.W yeroo Madiinaa dhufan Yahuudan isaanii guyyaa Aashuuraa sooman argan, ergasii Rasuulli S.A.W akkana jedhaniin: “ Maali guyyaan soomtan kun?” jarris akkana jedhan: kuni guyyaa guddaa Rabbiin Muusaa fi tuuta isaa nagaya itti baase, Fir’oowni fi tuuta isaa ammoo bishaanin liqimse(fudhate), Muusan galata Rabbii isaatif soomanee, nutis soomna! Ergamaan Rabbii S.A.W akkana jedheen : “ Nuti warra isinirra Muusatti haqa godhatuu fi dura aantota” Ergamaan S.A.W ergasii soomanii akkasuma soomana isaatitti ajajan.
    Caalumsa ajrii ji’a Rabbii Muharram irraa ammas sooma guyyaa Aashuuraa kana keessa diliin waggaa dabree dhiifama ,

    عن أبي قتادة رضي الله عنه قال : وسئل النبي صلى الله عليه وسلم عن صوم يوم عاشوراء فقال : " يكفر السنة الماضية " وفي رواية " صيام يوم عاشوراء أحتسب على الله أن يكفر السنة التي قبله "

    Hadiisa Muslim Sahiiha keessatti Abii Qataadan Rabbi irraa haa jaalatu Namtichi tokko ergamaa S.A.W waayee soomana guyyaa Ashuuraa irraa gaafatee akkana jedhan: “ Dilii waggaa dabree akka naaf dhiisu Rabbirraa herreegadha.”
    Sahiiha Muslim keessatti, Ibn Abbaas Radiyallahu anhu akkana jedhe: Waqtii Ergamaan Rabbii S.A.W Soomanii akka soomamu ajajan (sahaabdonni) akkana jedhan: yaa Ergamaa Rabbii kuni guyyaa yahuuda fi Nasaaran kabajju, Rasuulli S.A.W akkana jedhan: “ yoo waggaan itti aanu dhufe fedhii rabbiitin guyyaa saglaffallee soomna”. Jechuunis, kurnaffaa wajji soomna-warra kitaabaa(Yahuuda fi Nasaaraa) faallessuuf jecha. Ibn Abbaas akkana jedhe: osoo waggaan suni hin deebi’in Rasuulli Rabbii S.A.W duniyaa kanarraa deemaan.

    Rabbiin Bara haarawa kana kan bu’aa Islaamaa fi Muslimaa qabu haa taasisu!

    Waan ofii jaalatu keessatti umrii nu

    haa dheeressu!