×
Barruun qooda ibaadaadhaa ibsiti ragaalee qur’aanaa fii hadiisarraa taheen wajji

    العبادة ومعناها Ibaadaa fi hiikkaa isii.

    بقلم أبي رافع الشيخ جمال بن شيخ محمد Qophessaan –Abuu Raafii\ shek Jamaal shek Muhammad

    بسم الله الرحمن الرحيم الحمد لله والصلاة والسلام على رسول الله وعلى آله وصحبه.. BismiLlahi Rahmaani Rahiim. Ummata keenya! Assalaamu aleykum warahmatuLaahi wabarakaatuhuu. , Beekaa ibaadaa Rabbii jechuun isa tokkichoomsanii isuma qofa gabbaruu jechuudha. dubbiin ibaadaa tun haalaan yaachistuudha.Amnuufii kafaruun namaa isirratti rarra'a.Jannataa fii azaabatti namni adda qoodamuunis sababuma isiitiini.Ammas yeroon amma keeysa jirru yeroo haalaan hamtuudha.Yeroo humnoonni farra islaamaa alarraa biyya teenya seenanii duula towhiida dhabamsiisanii shirkii babal'isuu ummata keenyarratti oofaa jiranii dha.Kana waan taheef waayee maalummaa ibaadaa Rabbii kana qajeellotti ummataaf ibsuun,barsiisuun hubachiisuun haalaaan barbaachisaa taha.Anis jechoota xiqqa kana akka yaadachiisaatti afaan keenya kan namni hedduun hubaatuun katabee isiniin gaye.Akkuma mammaksatti namni waan harkaa qabu darbate soodaataa miti jedhan sanitti.Ummata keenya! Ibaadaan tenya hundi rabbuma qofaaf tahuu qabdi.Irraa qoodanii kan birootiif dabarsuu hintaatu.Abbaa fedheewu taatu,malaaykaa,anbiyoota,fi kkf tokkoleefuu ibaadaan godhuun hintaatu. Gosti ibaadaa tan Rabbi malee hintaane kana addaan baafnee daliila isaaniitiin wajji dhihessina.

    1/salaata-salaanni ibaadaa Rabbuma qofaaf tahe.daliilli isaa qur'aanaarraa-وأقيموا الصلاة وآتوا الزكاة"— salaata dhaabaa zakaa kennaa'' hadiisarraayis hedduudha beekamaadha.

    2/kadhaa- yaammachuun Rabi qofaaf malee dhowwaadha-Ragagaan kanaa Quraanarraa "-وان المساجد لله فلاتدعوا مع الله أحدا- hiikkaan ''masjidoowwan kama Allahaati.Allaahan wajji tokkollee hin yaammatinaa'' hadiisarraa

    الدعاء مخ العبادة "رواه الترمذي

    ''Kadhaan dhuka ibaadaati''tirmizii. 3/ sodaa-isiiniis ibaadaa rabbuma qofaaf tahuu qabdurraay.Rabbiin s.w. akkana jedha

    فلاتخافوهم وخافون إن كنتم مؤمنين"-

    Anuma sodaadhaa malee isaan (kaafira) hinsodaatinaa''alaimr 4/,kajeellaan ibaadaa Rabbuma qofaaf taateedha,Rabbiin akkana jedha

    فمن كان يرجوا لقاء ربه فليعمل عملا صالحا ولايشرك بعبادة ربه أحدا'

    'Nnmni milkii guyyaa qunnamtii Rabbii isaa kan kajeelu tahe, dalagaa gaarii haadalaguu,ibaadaa rabbi isaatiif godhu keysatti tokkollee akka hinqindeessine''suura alkahfi 110.Ammoo kajeellaan ibaadaa rabbi hojjattaa qeebalamiinsa kajeeluu,badirraa towbachaa araarama kajeeluudha.kanaan ala hojii malee jannata kajeeluun,fi badii itti fufaa araarama kajeeluun dhamaasuudha,jazbummaadh. 5/-Irkannoon Rabbif malee dhowwaadha.Ragaan kanaa Qur'aanarraa

    '—وعلى الله فتوكلوا إن كنتم مؤمنين-

    Allaah qofarratti irkadhaa yoo muimintoota taatan'' suratul maaidah 23. Ammas Rabbiin s.w. akkana jedha

    ومن يتوكل على الله فهو حسبه -''

    Nama Allaha irratti irkate inni gayaa isaati “

    6,kajeellaa 7,Sodaa, 8,Ufgadiqabuu,-kanneenis ibaadaadha Rabbuma qofaaf taati.Rabbiin s.w. akkana jedha وكانوا يسارعون في الخيرات ويدعوننا رغبا ورهبا وكانوا لنا خاشعين.-

    ''Isaan toltuu {hojjachutti} kan jarjaran tahan,kajeelaa sodaachaa nukadhatan, Nuuf uf gadi qaboo tahuu turan" suuraa al-anbiyaa 90. 9,Sodaan Rabbuma qofaafi. Ragaan Qur'aanarraa

    -فلاتخشوهم واخشوني''

    Anuma sodaadhaa malee isaan hinsodaatinaa''suuratu lbaqarah 150. 10,Deebiin gama Rabbii qofa malee dhowwaadha.Ragaan kanaa Rabbiin s.w. Akkana jedha

    وأنيبوا إلى ربكم وأسلموا له''

    Gama Rabbii keysanii deebi'aa Isumaaf ajajamaa'' suuratu zzumar 54. 11وgargaarsifachuun Rabbuma qofa,Ragaan jecha isaa kana إياك نعبد وإياك نستعين

    ''suma qofa gabbarra, suma qofatti gargaarsifannas'' suuratul faatihaa5.hadisattis nabiin keenya s.a.w. akkana jedhan

    فإذااستعنت فاستعن بالله

    ''yoo gargaarsifatte Rabbumatti gargaarsifadhu''ahmadii fii tirmizii tu baase. 12,tiyfamuun Rabbuma qofaani Ragaan jecha Rabbiiti

    قل أعوذ برب الناس"''

    Gooytaa namaatiinin tiyfama jedhi''suuratu nnaas1. Akkasuma sifaata Rabbii kan akka haasawa isaa,guddina isaa, ol aantummaa isaa,Dandeeytii isaa,jaalala isaa,fuula isaa kanneeniin tiiyfamuun maganfachuun ni dandayama,Nabii keenyarraa s.a.w.dhufee jira. Ragaan hadiisota

    أعوذ بكلمات الله التامات من شر ماخلق.

    jechoota Allaaha gutamtuwwaniinin tiiyfama hamtuu waan inni uumeerraa''muslimtu galmesse. Haiisa birootti

    وأعوذ بعظمتك أن أغتال من تحتي.

    -guddina keetiinin tiiyfama ….''Ahmad fi nasaii odeesse. 13,dirmachiifachuun Rabbiin malee dhowwadha.Ragaan kanaa Qur'aanarra

    -إذ تستغيثون ربكم فاستجاب لكم أني ممدكم بالف من الملائكة مردفين.''

    yogguu Rabbii keysan dirmachiifattanii isiniif awwaate ani malaaykaa kuma1 hiriirtuun isin gargaaraadha(jedhee)''anfaal9.aayanni kun guyyaa lola badrii nabiin keenya s.a.w. yaa Rabbi naa dirmadhu waan naaf waadaa seenteen naatumsi jedhanii kadhannaan.deebisaa sanirratti buufame. 14,qaluu/gorraasuu/-Ragaan kana Qur'aanarraa

    قل إن صلاتي ونسكي ومحياي ومماتي لله رب العالمين. لاشريك له..'

    'jedhi salaanni koo fi qaliinsi koo fii,jiruuntoo,fii duuti koo Allahaa gooftaa aalamootaa tiifi. Shariikni isaaf hijiru…''suuratul an'aam 162,163. Hadiisarraa ammo

    لعن الله من ذبح لغيرالله.'

    'Nama Rabbiif malee kanbirootii qale Rabbiin abaare''muslimtu baase. 15,qodhaan ibaadaadha Rabbuma qofaaf tahuu qabdi.Daliilli Qur'aanarraa

    يوفون بالنذرويخافون يوما كان شره مستطيرا.

    Qodhaa niguutan, guyyaa hamtuun isaa facaatuu taates ni sodaatan''suuratul insaan7. Dhumarratti ibaadaalee dubbanne tanaafii tanbirootis Rabbuma qofaaf qulqulleysuu qabna. walbarsiisuu nu barbaachisa.wanni nama yaachisu namni hedduun Rabbi dhiiseeti makluuqa gabbara.sun addunyaaf aakiraa kasaare,Fk/qabroota awliyaa,jinni,muka,galma,hadraa,oofaa,-qaluun,kadhachuu,barakaa irra barbaaduu, shirkiidha jahanam nama sensifti,Irraa uf eegaa! Wallaahu ailam!