×
Barruun tun akkaataa umraa fi hajji itti gaggeysan karaa gabaabaan namaaf addeysiti.

    أحكام الحج والعمرة Heera hajji fii umrah.

    بقلم أبي رافع

    جمال بن شيخ محمد

    Qopheysaan-shekJamaal shek Muhammad.

    بسم الله الرحمن الرحيم . الحمد لله والصلاة والسلام على رسول الله نبينا محمد وعلى آله وصحبه أجمعين.

    Bismillaahirrahmaani rrahiim.

    Alhamdu liLAAHI wassalaatu wassalaamu alaa rasuulliLaah s.a.w. wa alaa aalihii wasahbihii ajmaiin. Hajjiin ibaadaa jabduudha. roga 5ffaa kan islaamaati.nama dandeeytii qabeenyaa qaburratti umrii isaa keysatti yoggu 1 hajjii godhuun dirqama jabeyfamaadha.osoo dandayan diisuun badii guddoodha.RABBIIN s.w. akkana jedha" ولله على الناس حج البيت من استطاع إليه سبيلا فمن كفر فإن الله غني حميد

    "Hajjiin mana makkaa dirqama Rabbiin ummatarraa qabu, nama humna karaa gama isaatti dandayeef. Ammoo namni didee kafare akka fedhe, Rabbiin dureysa faarfamaadha."Qur'aanul kariim. Hadiisatti Nabiin keenya s.a.w.akkana jedha.

    "من حج فلم يرفث ولم يفسق رجع كيوم ولدته أمه"

    وفى حديث آخر "الحج المبرور ليس له جزاء إلا الجنة"

    "Namni hajji godhe osoo hindoggoggorin, osoo badii hindalagi, akka waan guyyaa dhalateeti qulqullaayee gala." hadiisa birootti "hajjiin sirrooftuun galanni isii jannatum gosa ihraamaa (hidhannaa). gosti ihraama (hidhannaa) hajiifii umraa gosa sadihi. isaanis

    1-hajji qofa (ifraada),2 -lameen walirratti lakkuu (qiiraana), 3-umraahiikkatanii hajjii eeggachuu(tamattu'a)caalaan 3kanaa tamattu'a. kana jechuun dura umraa qofa hidhachuun akkuma makka dhaqanitti hatattamatti umraa godhanii hiikkatanii hajjii eeggachuudha. yogguu guyyaan 8 gaye hajjii hidhatanii itti fufuudha.Nabiin kenya s.a.w. hajjatal wadaa'i keysatti sahaboota akka kanahidhatani fii kanneen akkaataa birootti hidhatanis akka kanatti jirjiiran ajaje.

    hojii umraa boodaan hajjii (tamattu'a).

    1-yeroo deemsaaf asirraa gara hajjii kaate bakkuma irraa deemtu sanitti qaama dhiqatta. kara dirree xiyyaaraa deemta.

    2-yeroo dirree xayyaaraa (boolee) seente uffata kee hunda baafatteeti uffata ihraama uffatta. waan urgaawu godhatta. Raka'aa 2 salaatta. 3-umraa hidhatta akkana jettee,

    لبيك عمرة,لبيك اللهم لبيك لبيك لاشريك لك لبيك إن الحمد والنعمة لك والملك لاشريك لك.

    "Labbeyka umratan- labbeyka Allaahumma labbeyka labbeyka laashariika laka labbeyka innalhamda wanni'imata laka walmulka laa shariika lak".jetteeti hidhatta. labbeykaa tana ittuma fufta hanga xawaafa jalqabdutti. 4-yogguu masjidal haraam seentu miila mirgaa dursita. bismiLLAAHI wassalaatu wassalaamu alaa rasuulillaahi...qaraata. 5-eegasii kara hajarul aswad achii deemta,harka mirgaatiin hajarul aswad tuqateeti harka san dhungata, yoo tuqatuu dadhabde itti harkaan akeekta hindhungatu.yeroo tana akkana jetta>

    بسم الله والله أكبر,اللهم إيمانا بك وتصديقا بكتابك ووفاء بعهدك واتباعا لسنة نبيك محمد صلى الله عليه وسلم.

    ''Bismillaahi wallaahu akbar Allaahumma iimaanan bika watasdiiqan bikitaabika wawafaa'an bi ahdika wattibaa'an lisunnati nabiyyika muhammadin s.a.w." 6- achirraa beytii bitaa ketitti gootee xawaafa jalqabda,yogguu ruknal yamaanii geesse nituqatta garuu hindhungattu.Rukniifii hajarul aswad jiddutti akkana jetta.

    ربنا آتنا في الدنيا حسنة وفي الآخرة حسنة وقنا عذاب النار

    .اللهم إني أسألك العفو والعافية في الدنيا والآخرة

    ''Rabbanaa aatinaa fiddunyaa hasanatan wafil aakhirati hasanatan waqinaa azaabznnaar,Allahumma innii as'aluka al'afwa wal aafiyata fidduniyaa wal'aakhirah" 7-yeroo hajarul aswad irra dhufte hunda allaahu akbar jetta, yeroo xawaafaa zikrii, du'aa'ii qaraatii qur'aanaa itti fufi. 8-xawaafa duraa kana kessatti afrii tee bobaa mirgaa jalaan baafatta, marsaa duraa sadan keysatti nifiiyda fiigicha xiqqaa. 9-yogguu xawaafa 7 fixxe kara maqaama ibraahiim achi deemta.aayata kana qaraata.

    واتخذوا من مقام إبراهيم مصلى.

    Wattakhizuu min maqaami ibraahiima musallaa ... qaraata.isa duubatti raka'aa 2 salaati. 10-san booda kara hajarul aswad as deebitee tuqatta yoo dandeesse. 11-san booda kara sa'iyii olbahi.yogguu safatti dhihaatte .

    إن الصفا والمروة من شاعائرالله...

    ''Innassafaa walmarwata minsha'aairillaahi...'' qara'i.deemii safarratti olbahi ka'ibatti fuula deebi'i duaa'ii Rabbi kadhu.du'aa'ii nabiin kenya s.a.w. asitti kadhate keysaa takka tana yoggu 3 irra deddeebi'i.

    "لاإله إلاالله وحده لاشريك له له الملك وله الحمد وهو على كل شىء قدير,لاإله الاالله وحده أنجز وعده ونصر عبده وهزم الاحزاب وحده"

    12-eegasii gara marwaa gadi buii sa'iyii godhi.deemi yeroo mallattoo magarroo lameen jedduu geesse fiigi.yogguu marwaa geesse irratti olbahi kaibatti fuula deebi'i harka banii Rabbi kadhu.akkasumatti kara safaa egasii kara marwaa yoggu 7 godhi. sa'iyii safaaf marwa jiddutti godhamtu tana keeysatti zikrii qaraatii qur'aanaa, du'aa'ii heddummeysi.

    13-yogguu marsaa 7n fixxe mataa haadadhu takkii gabaabsi.dubartiin waaxiqqoma fiixarraa murti.umraan asitti dhuma.uffata kee jirjiiradhuu gara bekkaa qubattee tessoo keetii deemi.Hanga baatiin hajjii (zulhijjaa)guyyaa8 geysutti akkanumatti turi.

    Akkaataa hajjii.

    Baatii hajjii (zulhijjaa) guyyaa 8ffa.

    14-guyyaa 8ti (guyyaa tarwiyaa) yeroo waaree bakkuma jirturraa hajjii hidhadhuu.akkuma yeroo umraa hidhattuutti qaama dhiqdhuu ,urgeyfadhuu, ihraama, uffadhuu,salaati. 15-hajjii niyyaa godhi.

    لبيك حجا لبيك اللهم لبيك لبيك لاشريك لك لبيك,

    إن الحمد والنعمة لك والملك لاشريك لك.

    ,Labbeyka hajjan-labbeyka Allaahumma labbeyka labbeyka laa shariika laka labbeyka

    zulhijjaah guyaa 9ffaa.

    17- guyyaa 9ffaa yogguu aduun baate achirraa ka'ii gara arafaa deemi.arafaa dhaqi,yoo dandayame namirah qubadhu,yookaanis bakkuma siiflaafte arafarraa qubadhuu,zikriifii du'aaii itti fufi akka abbaa lubbuutti.hinlaafin hinhifatin. 18-yogguu zuhriin gaye salaata zuhriifii asrii jam'ii duraa godhii gaggabaabsii salaati.akkuma nabiin keenya s.a.w. godhetti. 19-egasii du'aii itti fufi ,qiblatti fuula deebi'ii,harka banii,waywaadhu rabbitti.yaa du'aa'ii guyyaa sanii haalaan jabduudha.mataa keetiif muslimtoota hundaaf Rabbi kadhadhu.

    20-yogguu aduun seente achirraa ka'ii gara muzdalifaa deemi. yeroo muzdalifaa dhaqxee magriibaafii ishaa'ii jamii boodaa salaati.

    21-yogguu fajare subhii salaati,gara mash'arul haraam (eddoo masjiidaa) deemi.du'aaiifii zikrii itti fufi hanga haalaan bariee ifuu. zulhijjah guyyaa 10ffaa.

    22-osoo aduun hinbaane gara minaa sossohi. waadii muhassar yogguu geyse daddafii demi.ciracha torba karaa guuradhu.

    23-wayta mina geyse jamratul-aqabaa darbadhu.isiin boolla moggaa gama makkaati. cirracha 7n darbadhu.takka takkaan takbiiraa wajji jechaa darbi. 24-egasii as deebi'ii wareega kee qali,yeroo ammaa halli abbaan ufii qaluu waan hinmijjanneef gatii beyladaa tokkoon bitan baankii islaamatti galii godhuu qofaatu gaya. bara dabre hijra 1433 yeroo nuti hajji goone gatiin qaliinsa 1 riyaala sawdii 430 ture.garuu oliifii gadi siiquunis nimala.namni waaqaluu dadhabe guyyaa kudhan soomana. 3 hajjii keysatti 7ammoo eega galeeyi. atis yoo waaqaluun siif hinmijjaawin akkanumatti soomanta. egasii mataa kee haadi (gabaabsi)dubaartiin fixarraa murti. 25-kara makkaa deemii dhaqi xawaafa ifaadaa godhi.saiyii oriisaa safaaf marwaatis itti aansii godhi.akkuma umraa keysatti ibsametti 26-Achumaan uf duuba kara minaa asdeebi'i demii dhaqii mina buli.

    zulhijjah guyyaa 11ffaa 27-guyyaa 11ffaa achumatti orraafadhuu yogguu aduun jallate deemii jamaraata dhaqii boolla sadeenuu darbadhu.ciracha torba torbaan waliigalli digdamii tokko.bolla dura tan gama masgiida khiif as aanturraa jalqabi darbi du'aa'ii godhu.tajiddutis akkasumatti darbi du'aa'ii godhi. tamoggaa (aqabaatis) darbi du'aa'ii dhiisii deemi. zulhijjaah guyyaa 12 28-Guyyaa 12ffaatis kkasumatti darbi, yoojarjarte deemi, yookaan minumatti deebi'ii buli. zulhijjah guyyaa 13 29-Guyyaa 13ffaatis darbi.ammaa xumurtee minarraa ka'i.bakka tessoo ketiitti makkaatti gali.,

    Ziyaaraa masgiida rasuulaa S.A.W. kan madiinaa. 30-amma hajjitee fixxee masgida rasuul a.a.w. kan madiinaa ziyaari. masgida nabiitti salaati. yoo dandeesse rowdatti salaati. achumaan achi bahii Rasuularratti s.a.w. salaamtaa qarai,Abuubakariifii umarirrattis salaamadhu. 31-qabroota baqii'i kan sahaabonni 10,000 ol itti awwaalame ziyaari. uhud fi qabroota shuhadaa'aa (hamzaa fa'i)s ziyaari. masgiida qubaa tis ziyaari. 32-guyyaa kara biyya teetii deemtu xawaafa dhaammannaa(xawaaful wadaa'i) godhi xawaafii achumaan ka hinturretti karaa seeni.yoo osoo hin deemne ooltee (bulte) xawaafa dhaammannaa kana irra deebi'ii godhi.Asirratti hajjii tee xumurtee jirta, siifii muslimtoota hundarraayis Rabbiin haa qeebaluu. Alhamdu liLLAAHI RABBIL aalamiin.

    wantoota hajjii keysatti dhoowwaman. 33-namni hajjii hidhatee eegale tokko hanga fixutti wantoota armaan gadii kanarraa fagaachuu qaba. 1-Rifeensaafi qeensa isaa cirachuu/muruu/ .2-waan urgaawu dibachuu, samunaa urgaawunis dhiqachuu. 3-bineensa al'ooluu /ajjeesuu/. 4-warra isaatiin wajji qunnamtii godhuu. 5-haala fedhii itti kaasuun qaqqabuu,dhungachuufii,taphachuu,warra isaatiin wajji. 6-qadhimuufii nikaaha hidhuu ufiifis tahee nama birootiif. 7-guwantii harkaa uffachuu 8-Dhiirti mataa hagooggachuu,kofiyaa,imaamata,kkf uffachuu. 9-uffata qaamatti naannawu kofoo,marxoo,mudawwara,shaamiza, paantii,kkf uffachuu. 10-Dubartiin ammoo fuula hagooggachuun, niqaabaafii burqu'a uffachuun dhoowwaadha. 11-kan dhowwaa hinqabne ammoo -hamartii/qubee/, manzaraa ijaa, erfoona gurraa, saa'ah harkaa, samunaa hinurgooyneen fayyadamuu,mataafii qaama dhiqachuun, homaa dhoowwaa hinqabdu. 34-mormii,muggutiifii dogoggorri hundi dhoowwaadha.akkuma san muslima dararuun jechootaafii hojiinis dhowwaadha.namni hedduun kun bakka takkatti walitti qabamee walitti gufachuun,walitti bu'uun waan hafa hinqabnee waan taheef. =hin'aarin hinlolin hindallanin.harkaa fii afaaniin nama hinmiidhin .=obsi,dhiifama godhi,araarami Rabbiin siif araaramaa. 35-dhaamsa dhumaa- -yaa haajii keenya kabajamaa! kunoo gaa gargaarsa Rabbiitiin hajjii goote,waan guddaa dalayde,yoorabbi jedhe araarama isaa argatte, milkooyte, tanaaf wilii jallinatti hindeebi'in. asii galtee badii adda addaa tan akka shirkii,salaata dhiisuu, zinaa godhuu, farshoo dhuguu, haqa namaa hatuu, saamuu,dubartiin hijaaba uffachuu dhiisuu,...badiilee kkf hundarraa fagaadhu.yoo duran nama hamaa nama arrabsu,kan harkaan namatti jarjaru,kan boonu taates amma booda irraanfadhu, ittin deebi'in. yogguu badii takkatti dhihaatte qaxab jedhii ufqabii yaadadhu-hajjii dhaqee galeemoo?qaanyiidha! abadan! hintahu jedhii jalaa didii sheyxaana qaanyeysi.astagfiruLLaah jedhii irraa debi'i. Yaa haajii keenya jaalatamaa! Ati amma yogguu asirraa galte nama haarawa biroo tahii gali.sii dur taatee hingalin.jirjiirami,amma haarawa dhalatte waan taheef.ibaadaa Rabbii s.w. hanga dur daran jabeysi. salaata, jum'aafii jamaa'ah, masgiida, qaraatii qur'aanaa,zikrii Rabbii,du'aaii,sadaqaa,diin gargaaruu,fii toltuu fii kheyrii waan tahe hunda akkaan itti jabaadhu.warraa ilmaan kee diinirratti ajaji,haadhaaf abbaa kee, ollaa kee, obboleyyan muslimaa hunda dinitti ajaji,gorsi, yaadachiis,Walumaa galatti ajaja Rabbiitiifii ergamaa isaa nabi Muhammad s.a.w. dhagayi,diin kee jabeysii,irratti jiraadhuu irratti du'i.

    wasallallaahu alaa nabiyyinaa muhammadin wasallam.