×
Kuni maxxansaa haaraa kitaaba kiyya(akkaataa salaataa gabaabsamaa) jedhuuti. Akkaataa wuduu’aa fi wantoota wuduu’a balleessan bifa salphaa fi gabaabaa ta’een Jalqaba kitaaba kanaa irratti akka dabalu yaanni naaf dhiyaatee jira. Wuduu’aa fi wantoonni wuduu’a diigan waa’ee salaataa dursanii dhiyaatuun barbaachisaa waan ta’eef Yaanni kuni yaada fudhatamaa ta’uu hubadhe Akkaataa wuduu’aa fi wantoota wuduu’a diigan ilaalchisee yaada garagaraa Ulamaa’onni (beektonni islaamaa) qaban ragaa wajjiin akkasumas yaanni sirrii(caalaan) kam akka ta’e bakka saditti bal’inaan dubbadhee jira.