×
Muhammad Rabbiin nagayaa

Maqaa Rabbii rahmata godhaa mararfataa ta'eetiin.

Ergamaa Islaamaa Muhammad Rabbbiin nagaa fi Rahmata isa irratti haa buusu.

Ibsa gabaabaa waa'ee Ergamaa Islaamaa Muhammad Rabbiin nagayaa fi Rahmata isa irratti haa buusu irraa, maqaa isaa, gosa isaa, Biyya isaa, Fuudha isaa (dubartoota Isaa) ergaa Isaa, waan inni itti yaamee, mallattoolee nabiyyummaa isaa, seera isaatii fi Ijjannoo mormitoota isaa isii keesatti ibsa.

1-Maqaa isaa, gosa isaatiifi biyya isii keessatti dhalatee keessatti guddate.

Ergamaan Islaamaa inni Muhammad ilma Abdullaah ilma AbdulMuxxalib ilma haashim hortee ismaa'iil ilma ibaraahiim -nageenyi jara irra haa jiraatu-irraahi. Sun dhugumatti Nabiyyiin Rbbii Ibraahiim Nageeenyi Isarratti haa tahuu shaam irraa gama Makkaa dhufe, Haadha manaa isaa haajaraf ilma isaa kan daa'iimaa Ismaa'iil wajiin, osoo inni daa'imummaa keessa jiruu, Makka isaan qubsiise Ajaja Rabbii Guddatee ol taheetin, Yeroo Mucaan Dargaggoomu Nabi Ibraahiim nageenyi isarratti haa tahuu gama makkaa Dhufe, isaafi ilmi isaa Ismaa'iil nageenni isaan irratti haa tahu Ka'abaa mana Rabbii khabajamaa ijaaran, Namni naannawa manichaatti baay'ate, makka kallattii warra Rabbii Aalamaatiif Ibaadaa Godhuu taate, warra Hajjiif umraa godhuu fedhanuuf, namni Rabbi gabbaruufi tokkichoomsuu karaa Ibraahim irratti nageenyi isarratti haa jiraatuu irra jaarraa hedduuf itti fufan. san booda jallinni(Amantii irraa dabuun) argame, jaziiraan Arabaa Akkaataan isii Akkaatauma naannawa isii biyyoota Addunyaa hundaa turte, waa'een awaammummaa isii keessatti muldhattuu turte, wontoota akka: taaboota gabbaruu, Joollee dubartii jirtuu Awwaaluu, dubartoota miidhuu, Ragaa dharaa bahuu, farshoo dhuguu, badii dalaguu, qabeenya yatiimaa nyaatuu fi dhala fudhatuun faan keeysatti muldhataa ture. Bakka kanatti haala naannoo kana keessatti Ergamaan islaamaa Muhammad ilmi Abdullaah Hortee Ismaa'iil ilma Ibraahiim nageenyi isaan irra haa jiraatu irraa bara 571 dhaloota iisaa irraa dhalate, abbaan isaa dhaloota isaa dura du'e, haati isaa waggaa isaa 6ffaatti irraa duute, Wasiila isaa Abuu xaalibtu guddise, yatiima ta'ee hiyyummaan jiraate, Hojii Harka isaatiin nyaatee jiraataa ture.

2-Fuudha Eebbifamaa Aaddee eebbifamtuurraa

hogguu umriin isaa waggaa 25 geeysu aaddee takka shamarran makkaa irraa fuudhe, isiin Khadiijaa intala Khuweylidi Rabbi isiirraa haa jaalatuu, isiirraa intala dubraa 4 fi ilma dhiiraa 2 argate, ilmaan dhiiraa joollummaadhaan irraa du'an, waliin jireenyi inni haadha man isaatiifi maatii isaa wajji qabu gara laafummaafi jaalala hongaa dabreen ture, kanaaf haati manaa isaa Khadijaan Jaalala guddoo isa jaalatte, innis akkasumati jaalala isiidhaaf kenne, du'a isii boodas woggaa dheeraaf isii hin daganne, Re'ee qaleet Hiriyoota Khadiijaatiif adda qooda ture, kabaja isaaniitiifi, isiif tola ooluu fi jaalala isii tiksuuf jecha.

3-Jalqaba beeksisaa(wahyii)

Ergamaan Muhammad Rabbiin nagaafu rahmata isa irratti haa buusu Amala gaarii guddaa qaba ture erguma Rabbiin isa uumeehuu, Ummanni isaa Dhuga-dubbataa Amanamaa jedhanii moggaasan ture, hojiiwwan gurguddoo jaraa wajji hirmaata ture, waan awaammummaa isaan irra jiran ni jibba isii keessatti isaani woliin hin hirmaatu ture.

Hogguu waggaa 40 gahu isaa Makka jiru Rabbiin isa filate Akka Ergamaa tahuuf, maleeykaan Jibriil nageenyi isarratti haa tahuu qur'aanarraa suuraa jalqaba buufamteen ittin dhufe, isiin jecha Rabbii Ol'aanee: (Maqaa Gooftaa keetii Isa (waan hunda) uumeetiin dubbisi.(1) (Isa) nama dhiiga ititaa irraa uume.(2) Dubbisi Gooftaan kee hunda irra arjaadhaa(3) Isa qalamaan (barreessuu) barsiise sani.(4) Nama, waan inni hin beekin barsiise.(5) [Suuraa Al alaq1-5] Haadha mana isaa Khadiijaatti Rabbi irraa haa jaallatu osoo onneen isaa Hollattuu itti dhufe, waan tahe itti himnaan Tasgabbeeysitee, ilma wasiila isii Waraqaa ilma Nawfal bira geeysite, waraqaan nasaaromee injiiliifi tawraat dubbisee ture, khadiijaan Waraqaadhaan: yaa ilma adeeraa ilma obboleeysa kheetii khanarraa dhaggeeyfadhu jetteen, waraqaan Rasuulaan: Yaa ilma obboleeysa kiyyaa maal agarta? ja'een, Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi Nageenya isa irratti haa buusu-waayee waan Argee san himeef, waraqaan akkana ja'een: (Kuni Ergaa Rabbiin Muusaa irratti buuse, osoon isii kheeysatti(Qeerroo ykn dargagessa) tahee, osoon gaafa ummanni kee biyyaa si baasu jiraadhee" Jennaan Ergamaan Rabbii nagayaa fi Rahmanni Irratti Haa jiraatuu ((isaan na baasanii)) jedhee gaafate, "Ee, Takkaa dhiirti takkalleen waan akka ati dhufteenii khanaan dhufee osoo hin diinoomfatamin hin hafne, yoonan guyyaa kee dhaqqabe Tumsa jajjabaan siif Tumsa" jedheen.

makkatti Qur'aanni isarratti bu'uun walitti aane itti fufe, Jibriil nageenyi isarratti haa tahuu Rabbii Aalamaatirraa isarratti buusa, Akkuma ibsa ergaa ballinaan itti fida.

ummata isaa islaamummatti yaamuu itti fufe, ummanni isaa isa didee isaan morme, mootummaafi qabeenyas siif kenninaa ergaa kana dhiisi jedhanii irra fidan, kana hundaawuu ni dide. eegasii akkuma ummanni nabiyyoota isa duraatiin jedhan isaanis jedhani: falfalaa, kijibaa, afuufaa, jedhaniin. isatti dhipphisan, qaama isaa kabajamaa miidhani, hordoftoota isaattis roorrisani. Ergamaan -Rabbiin rahamtaa fi nagaa isa irratti haa buusu- makkatti gara Rabbiitti waamaa ture, yeroo hajjiitiifi yeroo gabayaa Arabootaa irratti xiyyeeffatee, achitti namootaan wal argee islaamummaa isaaniif ibsa, Addunyaa hin barbaanne,mootummaas hin barbaanne, seyfiin nama hin sodaachisne, aangoo hin qabu ture mootiis hin turre,jalqaba yaamicha isaatirratti mormitoota isaatiin namni qur'aana akka inni fidee kana akka fidan itti dhaaddate, kanaan mormitoota isaatitti mormaa ture, sahaaboonni jarri amane itti amanan Rabbi isaan mararraa haa jaalatu. Makkatti Rabbiin Mallattoo guddoodhaan isa kabaje, isiin gama beeytal maqdis halkan tokkotti deemee, san booda isaan samii bahamuudha, Akkuma beekkamu Rabbiin Nabi Ilyaasii fi Nabi Iisaa nagenyi Rabbii isaanirratti haa jiraatuu samiitti ol fuudheet jira, akkuma Muslimaafi Nasaarota biratti dubbatametti. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ajaja salaatattii Samiitti fudhate, Isiin Salaatattii isii Muslimoonni guyyaa keessatti yeroo shan salaatan tana, Makkat al-mukarramaa keessattis Mallattoon guddoon biraa taate, isiin jiini bakka lamatti adda bahuu isiiti haga mushrikoonni isa arganitti.

kaafirtoonni qureyshii isarraa nama deebisuuf jecha mala hunda Fayyadaman, sirritti shira itti xaxuufi nama irraa baqachiisuudhaaf jecha, itti jabaatan mallattoolee nuuf fidi ja'anii , yahuudota gargaarsifatan akka ragaalee isa falmuuf isaan gargaartu dhiheeysaniiif akka wajji nama karaa isaatirraa dhoorkaniif jacha.

Cunqursaan kuffaartoonni Qureeyshii Mu'umintoota irratti gaggeeysan itti fufnaan Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- Mu'umintoonni Gara Habashaa Akka godaanan hayyamaniif, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- isaaniin je'an: Isii (Habashaa) kessa Mootii Haqa dalaguutu jira isa biratti namni tokkolleen hin miidhamu(hin cunqurfamu), mootichi suni kiristaana (Nasaaraa) ture, isaan (mu'mintoota) irraa gareen lama gara biyya Habashaa godaane. Godaantonni Habashaa yeroo gahan mootii Najjaashiidhaaf Amantii nabbiyyiin muhammad -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa iraatti haa buusu- ittiin dhufe ibsaniif, ni jedhe(najjaashiin): kuniif- Rabbitti kakadhee- kan Muusaan nageenyi isa irra haa jiraatu ittiin dhufe foddaa tokkorraa baha je'een. sana boodaas azaan ummanni isaa isaafi sahaaboota isaa irratti gaggeeysan itti fufe.

ni ta'e warra yeroo (Hajjii keessatti) isatti amane irraa warra Madiinaa irraa dhufan keessa tuuta takkatu itti amanee islaamummaafi isaaf tumsuu irratti waadaa seenaniif yoo magaalaa isaaniitti jijjiirrate, gaafa san "yasrib" jedhamtee waamamti; isaan irraa kan makkatti hafeef akka madiinatatti godaananiif hayyameef, Achumaan godaananii isalaamumman madiinaa keessatti babal'ate, hamma madiinaa keessatti manni islaamummaan hin seenin tokkolleen hin hafin takkatti.

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa iraatti haa buusu- erga waggaa 13 makka keessatti karaa rabbiititti nama yaamaa dabarse booda rabbiin akka madiinaatti godaanu hayyameef, godaanee -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa iraatti haa buusu- karaa rabbiitti nama yaamuu itti fufe , isii kessatti seeroowwan islaamaa xiqqo xiqqoon irratti bu'uu itti fufte, Ergamtoota isaa Waraqaa itti kennee erguu jalqabe, gara hoggantoota gosootaatiifi Moototaatti, kara islaamaatti isaan yaama, warra xalayaan itti ergame kessaa mootii biyya Roomaa, mootii biyya faarisii(pershia) fi mootii biyya misra (egypt) faadha.

Madiinaatti taateen Aduun Kusuufuudhaa (dukanatuu guyyaan bu'e) argamtee jennaan namoonni baaragan, Guyyaan sun guyyaa du'a Ibraahiim Ilma Nabiyyiitiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa iraatti haa buusu- walirra bu'ee jennaan namoonni ni jedhan: du'a ibraahiimiif aduun kusuufte, Nabiyyiinis -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa iraatti haa buusu- ni jedhe: (Dhugumatti Aduufi Jiini Du'a nama tokkootiif hin kusuufan, jiruu isaatiifillee, garuu isaan mallattoo Rabbiitirraahi Gabroottan isaa ittiin sodaachisa)Osoo Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa iraatti haa buusu-kijibaa fakkeeyfataa tahee silaa ni Ariifata isa sobsiisuu irraa nama sodaachisuuf, silaa akkana je'a "Aduunuu Du'a ilma kiyyaatiif kusuute maal ta'a namni na kijibsiisee(kijibaa naan je'ee).

Rasuulli -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa iraatti haa buusu- Rabbiin isaa haala guutuudhaan isa bareechee jecha isaatiin akkas jedhee isa ibse: (Dhugumatti, ati amala (naamusa) guddaa irra jirta) [Suuraa Al qalam:4] Amala gaarii hundaan kan ibsamu ture, akka Dhugaa, Keessa qulqullaahuu, Gootummaa, haqummaafi waadaa guutuu osoo mormaa isaa woliin taheellee, Arjummaa, Sadaqaa jaallata Rakkattootaa, harka qalleeyyii, dubartoota dhirsi isaanii irraa du'aniifi Haajamtootaaf, Isaan Qajeelchuu irratti bololuu, isaaniif rahmata godhuu, isaaniif of gad qabu, hanga namni biyya biraa dhufee Ergamaa -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa iraatti haa buusu- barbaadee sahaaboota isaa -Rabbi isaanirraa haa jaalatuu- isa irraa gaafatutti osuma inni (Rasuulli) isaan jidduu jiruu isa hin beeku, Akkana je'a " kamii keessantu muhammadi?"

Seenaan isaa Mallattoo turte guutummaafi collummaan hundaa woliin wol qunnamuu keessatti: Diinaafi Hiriyaa, Firaafi Alagaa, xiqqaafi guddaa, dhiiraafi dubara, bineensaafi allaattiis.

Yeroo Rabbiin diinii isaaf guutee, ergamaanis -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa iraatti haa buusu-ergaa akka gaariitti geessisee jedhetti, umrii waggaa 63tti du'e, isii keessaa waggaan 40 ergamuun dura, waggaan 23 Nabiyyii fi Ergamaa taheeti. Madiinaa annabawiyyaatti awwaalame -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa iraatti haa buusu-, qabeenyas ta'ee dhaala homaa hindhiifne, gaangee isaa adittii isii yaabbataa ture malee, dachii waqfii kan warra karaa Rabbii keessaatiif isii taasise malee.

lakkoofsi warra amanee isa dhugoomsee isa jala deemee namoota baay'ee ture, sahaabaa isaa keessaa kan hajjii dhaammannaa isaa wajjiin hajje nama kuma dhibbaa oli, du'a isaanii dura tilmaamatti ji'a sadiin turte, kunis iccitiii diiniin isaa tikfamee fi babal'atee keessaa tokko ta'uutu mala, dhugumatti sahaabonni isaa kan inni naamusaa fi duudhaa islaamarratti leenjise haqummaan, waan aakiraatti jara hin fayyanne dhiisuuun, waan aakhiraatti jara miidhu dhiisuun(sodaa) waadaa guutuu fi diinii guddaa itti amanan kanaaf carraaquu keessatti irra caalaa hiryaa turani.

irra guddaan sahaabaa isaa -Rabbiin hunda isaanirraa haa jaalatuu- iimaanaan beekkumsaan dalagaan qulqullummaan dhugoomsuun of kennuun gootummaa fi arjummaan Abuubakr Assiddiiq, Umar ibnul khaxxaab, Usmaan ibnul Affaanii fi Aliyyi ibnu Abixaalib -Rabbi isaanirraa haa jaalatu- isaan warra dura isatti amanee fi isa dhugoomse irraahi, isa boodaanis khulafaa turan, warra isa boodaan alaabaa diin baadhate, qooda nabiyyummaa irraa homaa isaaniif hinturre, sahaabota biraatin addatti waa tokkoonille adda isaan hin baafne Rabbi isaanirraa haa jaalatu.

Rabbiin kitaaba inni ittiin dhufee fi sunnaa isaa ni tikse, seenaan isaa, jachoonni isaa fi hojiileen isaa afaanuma isaa tan inni dubbateeni, seenaan takkalleen hintikfamne - seenaa irratti- akka seenaan isaa tikfamtetti -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa iraatti haa buusu-, inumaa akka inni itti rafaa ture, akka inni itti nyaataa ture, akka inni itti dhugaa ture fi akka inni itti kolfaa ture tikfamee jira. Akkamitti Warra isaa wajji jiraata Mana isaa keessatti? Haalli isaa hundi tikfamtuu wolitti qabamtuudha seenaa isaa keessatti, inni ilma namaa ergamaadha qooda Rabbummaa irraa humaa hin qabu, lubbuu isaatiif bu'aa fi miidhaallee hin qabu.

4- Ergaa isaa

Rabbiin Muhammadiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa iratti haa buusu- erga shirkii, kufuriifi wallaalummaan dachii wal gahe booda erge, fuula dachirra namni Rabbi qofa gabbaru kan humaa itti hin qindeeysine hinturre haftoota lakkaawaman warrra kitaabaarraa tahan takka malee, Rabbiin ergamaa isaa Muhammad -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa iratti haa buusu- nabiyyootaafi ergamtootaaf xumura godhee erge, Rabbiin qajeelumaafi amataa haqaatiin adduunyaa guutuuf isa erge; amantiiwwan biraa hundarratti ol taasisuuf jecha, ilmaan namaa dukkana awaammummaa, kufriifi wallaalummaa irraa gara ifa tokkummaa Rabbiitii fi iimaanaatti akka baasuuf, ergaan isaa ergaa nabiyyoota dabraniitiif -rahamannii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu-guuttuudha.

gara cufa waan nabiyootaa fi ergamtoonni -nageenyi isaan irra haa jiraatu- itti yaamanitti yaame: Nuuh Ibraahiim Muusaa Suleymaan Daawuudii fi Iisaa- iimaana irraa Rabbiin akka uuma sooraa jiraachisaa ajjeesaa mootii moototaa inni isa waa gaggaragalchu, inni mararfataafi rahmata godhaadha, Rabbiin isa uumaa waan argama keeysa jiru hundati tan arginuu fi tan hin argines, wanti Rabbi malee jiru cufti umamaa uumamtoota isaa irraa ta'edha.

akkasuma gama Rabbii tokkicha qofa gabbaruu waan isa malee jiru hunda gabbaruu dhiisutti yaame, addaan baase - hoonga addaan baasuu- dhugumatti Rabbiin tokko qofa shariika hin qabu gabbartii isaa keeysatti, mootummaa isaa keeysatti, uumaa isaa keeysatti, akkasumas bulchiinsa isaa keeysatti, ammas addaan baase dhugumatti Rabbiin qulqullaawe hin dhallee hin dhalannes, qixxaataa fi fakkaataan isaaf hin jiru, uumama isaa keessaa woma takka keessatti hin hin qubatu isa keessattis qaama hin godhatu.

akkasumas ni yaame kitaabban Rabbiitti amanuutti, akka suhufii ibraahiimii fi muusaa nageenyi isaanirra haa jiraatuu towraata, zabuurii fi injiilittis, akkasumas ni yaame ergamtoota nageenyi isaan irra haa jiraatu hundatti amanutti, dhugumatti namni nabiyyii tokkotti kafare akka hunda isaaniitti kafaretti lakkaawe.

Nama hunda rahmata Rabbiitiin gammachiise, dhugumatti Rabbiin addunyarratti isaan dandahuuf isatu itti gaafatamummaa fudhata, dhugumatti inni Rabbii akkaan mararfataadha, isuma qofatu guyyaa qiyaamaa uumamtoota qormaatuuf taa'a hogguu hunda isaaniituu qabrii isaaniitii isaan kaasu, dhugumatti isumatu mu'umintoota hojii isaanii gaggaarii irratti toltuu takka dachaa kudhaniin, hamtuu takka fakkaattuma isiitiin galata galchaaf, aakhiratti isaaniif qananii dhaabbattuutu jira, namni kafaree badii dalage galata isaa addunyaa fi aakhirattis ni argata.

Ergamaan Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ergaa isaa keeysatti gosa isaa hin guddifne biyya isaatii fi mataa isaa kabajamaa sanis hin guddifne, inumaa Qur'aana keessatti maqaan nabiyyootaa Nuuh Ibraahiim Muusaa fi Iisaan maqaa isaa caalaa dubbataman, maqaan haadha isaatii fi haadha manneen isaa qur'aana keessatti hin dubbatamne, haati nabi Muusaa yeroo hedduu dubbatamtee qur'aana keessatti dhufee jira, Maryam nageeni isii irra haa jiraatu yeroo soddomii shan dubbatamtee dhufee jira.

Ergamaan Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- tiiyfamaadha waan shari'aa, aqlii fi uumama faalleysu hunda irraa ykn waan haalli nagaan isa didu hunda irraas tikfamoodha; dhugumatti anbiyyoonni -nageenyi isaanirra haa jiraatu- waan Rabbi biraa fidan keeysatti tiiyfamoo waan tahaniif, dhugumatti ajaja Rabbii gara gabroottan isaa dabarsuun kan itti kennamte isaan waan tahaniif, nabiyyoonni amala gooftummaa ykn rabbummaa takkallee hin qaban; inumaa isaan namuma akka nammoota birooti Rabbiin ol ta'e ergaawwan isaa gama isaanitti buusa.

Ragaalee gurguddaa dhugumatti ergaan Rasuulaa Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- Rabbi biraa bu'uu keeysaa dhugumatti isiin hanga har'aatti akkuma gaafa inni jiru turte sanatti jiraachuu isiiti, muslima biliyoonaa oltu isii hordofa, dirqamoota isii shari'aa akka salaataa zakaa soomana hajjii fi kanneen biraatis osoo hin jijjiirin osoo hin dabsin hojii irra oolchu.

5- Aayatoota Nabiyyummaa isaatii fi mallattoolee isiitii fi ragaalee isii

RabbiiN ergamtoota isaa ni deeggara mallattoolee nabiyyummaa isaaniitti agarsiistuun, agaalee fi ifoomsa ergamummaa isaaniif ragaa baatu isaaniif dhaaba, dhugumatti Rabbiin nabiyyii hundaaf waan akka isiitti nama amansiisuuf gahu kenneefii jira, mallattoon nabiyyoonni kennaman irra guddoon tan nabiyyiin keenya Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- kenname, dhugumatti Rabbiin qur'aana kabajamaa isaaf kennee jira, mallatoolee nabiyyoonni kennaman keessaa inni mallattoo ilaa guyyaa qiyaamaa turtu, akkasumas Rabbiin mallatoolee (raajii) gurguddaan isa deeggaree jira mallattooleen ergamaa Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- hedduudha isaan keessaa:

Masjida al-haraam irraa gara masjid al-aqsaatti Halkaniin deemuufi samii olkoruun, jiini dhoohuun, Roobni eega dhabamee bonni bu'ee Rabbi kadhatee yeroo hedduu roobuu.

Nyaataa fi bishaan xiqqoo heddummeessuun isa irraa namoonni hedduun nyaachuu ykn dhuguu.

Waan dhokatoo dabarte tan namni tokkollee balballoomsa isaa hinbeeyne himuu isaa, Rabbiin isaaf himuudhaan akka seenota nabiyyootaa nagaan isaan irra haa jiraatu ummata isaanii woliin, seenaa warra godaafaa.

Waan fagoo fuulduraa tan booda irra argamte Rabbiin qulqullaa'e isaaf himuudhaan odeessuu isaati akka oduu ibiddattii biyya hijaazirraa baatu tan namni shaam jiru isii arge, namni jaarmaya dheerefachuu keessatti waldorgomuufaa.

Rabbiin isaaf Gahuu fi Namarraa isa tiksuu isaa.

Dhugoomuu waadaan inni Sahaaboota isaatiif seene Akka jecha isaa kan inni isaaniin jedhee: (Faarisii fi Roomaan isinirratti ni dhugumatti banamuuf teeysi, dhugumatti dilbiiwwan isaanii karaa Rabbii keessatti Baasuuf teeysan)

Rabbiin Malaaykootaan isaaf tumsuu.

Nabiyyoonni rahamannii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu ummata isaanii nabiyyummaa ergamaa Muhammadiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- gammachiisuu isaanii, warra isaan gammachiise keeysaa Muusaa Daawuud Suleymaanii fi Iisaadha -nageenyi isaan irra haa jiraatu- akkasuma kan isaan malee jru nabiyyoota banii israa'iil irraa.

Ragaalee sammuutii fi fakkeenyota kaafamankan sammuun fayyaan harka kennitee fudhattu.

Mallattooleen kanneen ragaaleenii fi fakkeenni sammuu Qur'aanaa fi sunnaa nabiyyii keessatti facaafamtuudha, aayatoonni isaatis lakkaawuu irra baay'eedha, namni irra dhaabachuu fedhe Qur'aanaa kabajamaa, kitaabban sunnaatii fi seenaa nabiyyii haa ilaalu isii keessa mallattoolee kanniin irraa oduu qabatamaatu jira.

Mallatooleen tun osoo argamuu baattee mormitoonni isaa kuffaara qureyshii, yahuudaa fi nasaaraa adoolaa arabaa turan irraa isa kijibsiisuufi nama isa irraa sodaachiisuuf carraa argatu ture.

Qur'aanni kabajamaan kitaaba Rabbiin ergamaa isaa Muahmmaditti buuse -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- inni jacha Rabbii aalamaati, Rabbiin ilma namaatii fi jinnii fakkaataa isaa ykn fakkaataa boqonnaa isaa takka akka fidan isaaniin falme, falmiin kun ilaa arraatis dhaabbataadha, Qur'aanni kabajamoon gaaffiilee barbaachisoo hedduu tan namoota miliyoonota dhamaafte deebisa, Qur'aanni guddaan ilaa arratti afaan ittiin buufame arabiffaan tiiyfamaadha,, qubeen takkalleen irraa hin irranne, inni maxxanfamee raabsamee jira, inni kitaaba guddaa raajiidha, inni irra guddaa kitaaba ilma namatti dhufeeti, isa dubbisuun ykn hiikkaa tafsiira isaa dubbisuun barbaachisaadha, nama isa dubbisuu, hiikkaa isaa gadi laaluu fi isatti amanuun isa dabarte kheyriin hundi isa dabarteetti. akkasuma sunnaan ergamaa Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- qaceelloo isaatii fi seenaan isaa tiiyfamtuudha karaa gabaaftota amanamoo tahaniitiin dabarfamtuudha, isiin afaanuma ergamaan Mhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ittiin dubbateen maxxanfamtuudha, dhugumaan akkuma waan inni nu jidduu jiruutti, gara afaan hedduuttis hiikkamtuudha, Qur'aanni kabajamaa fi sunnaan ergamaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- isaan lameen seerolee islaamaatii fi karaa gochuu isaatiif madda isa tokkichadha.

Shari'aan (karaa) isiin Ergamaan Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ittiin dhufeen

Shari'aan isiin Ergamaan Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ittiin dhufeen isiin shari'aa islaamaati, isiini xumura sharii'ota Rabbiifi ergoota gabbaramaati, isiin hundee isii keeysatti kharaalee nabiyyoota dabraniitiin wal fakkaattuudha akkaataan isii wal dhabullee.

isiin shari'aa guutinnaati, yeroo fi iddoo hundaaf ni taati, tolinsi diinii fi addunyaa namaa isii keeysa jira, isiin ibaadaa hunda isii gabroottan irratti Rabbii aalamaatiif dirqama taatu if keeysaa qabdi akka salaataa fi zakaa, naamusa hojiilee qabeenyaa, dinagdee, hawaasummaa, siyaasaa, lolaa, naannoo hayyamamtuu fi dhoorgamtuu fi kana males waan jireenya namaatiif itti deebii jaraatiif barbaachisu wolitti qabatti.

Shari'aan tun amantiilee namaa, dhiiga isaanii, naamusa isaanii, qabeenya isaanii, sammuu isaaniitii fi hortee isaanii ni tiiysiti, isiin waan kabajaafi toltuu hunda wolitti qabatti, waan gadi galoo fi hamtuu hunda irraa dhoorkiti, gara kabajaa ilma namaatti, jiddugaleeysummaatti, haqummmaatti, amanamummaatti, qulqullinaatti, tolchinaatti, jaalaatti, toltuu namaaf jaalachuutti, dhiiga namaa tiiysuutti, nageenyummaa biyyaatti, nama shoorarkeessuu fi haqaan maletti sodaachisuurra dhoorkuutti nama yaamti, Ergamaan Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- daangaa darbuufi badii irratti bifa isii hundaan lolaa ture, faallaa falfalaa, namarraa adda bahuu fi monoksoomuu ture.

Ergamaan Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- akka Rabbiin ilmaan namaa kabaje ibsee jira -dhiiraa fi dhalaan- haqa isaa guutuu itti gaafatamummaa fudhateef, filannoo isaa hunda irratti, hojii isaa, sochii isaa rratti itti gaafatamaa godhe, hojiilee kamuu kan mataa isaatii fi nama biraa miitu itti gaafatamaa isii isa bachise, iimaana, itti gaafatamummaa, mindaa fi galata galfamuu keeysatti dhiiraa fi dhalaa wal qixa godhe, haadha, obboleeytii, intala taatee shari'aattii kana keeysatti iddoo addaatu dubartiif kennama.

Shari'aan isiin ergamaan Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ittiin dhufe sammuu namaa eeguun, waan isii balleeysu hunda haraam gochuun dhufte akka farshoo dhuguu faa, islaamummaan amantii ifaa sammuuf karaa ibsitu godhee ilaala; ilmi namaa akka Rabbii isaa gabbaruuf bayyanootaa fi beekkumsaan, shari'aan islaamaa dhimma sammuu olfuutee itti gaafatamummaaf sababa goote, waan kijibaa xaxamaa fi awaammummaa irraa isa bilisoomsite.

Shari'aan islaamaa beekkumsa sirrii ni kabajji, qorannoo saayinsii fedhii lubbuu irraa bilisa tahe irratti nama kakaafti, lubbuu fi uumama ialaaluufi xiinxaluutti nama yaamti, bu'aaleen saayinsii kan beekumsaaf sirrii taate wanta Ergamaan Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ittiin dhufee wajjiin walin faallessu.

shari'aa keeysa ilma namaa irraa gosa tokko gosa tokko irraa adda baasuun hin jiru, ummata tokko ummata tokko irra caalchisuun isii keeysa hin jiru, inumaa hunduu seera isii duratti walqixa, dhugumatti ilmaan namaa hundeen isaanii wol qixa waan ta'eef, saalli tokko tokkorra hin caalu, ummanni tokko ummata tokko hin caalu sodaa Rabbiitiin malee, ergamaan Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- nuuf himee jira dhugumatti dhalataan hundi fixraa irratti dhalata, namni tokkolleen ilma namaa irraa badii waliin ykn badii dhaalee hin dhalatu.

Shari'aa islaamaa keeysatti Rabbiin towbaa karaa godhee jira isiinis: namni badii dhiisee gama Rabbii isaa deebi'uudha, islaamummaan badirraa waan isii dura ture hunda ni diiga, towbaanis badii isii duraa ni balleysiti, badii namaatiif nama fuulduratti of irrattii ragaa ba'uun hin barbaachisu, islaamummaa keessatti hariiroon Rabbiifi nama jidduu kallattumaan taati, nama tokkkolle hin barbaaddu si'iifi Rabbiin gidduutti wol qunnamsiisaa akka ta'uuf, islaamummaan nama waaqoomsuu ykn Rabbiif rabbummaa isaatii fi gabbara isaa kessatti shariika godhuu ni dhoorka.

Shari'aan ergamaan MUhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ittiin dhufeen shari'aalee dabarte hundaaf haqxuudha, sababnis shari'aan islaamaa isiin Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ittiin Rabbi biraa dhufeen isiin huma shari'aati hanga guyyaa qiyaamatti, isiin addunyaa guutuufi; tanaaf waan isii dura jiru heeyxe, akkuma shari'aaleen isii dura turte gariin isii garii haqaa turtetti, Rabbiin qulqulla'e ol tahe shari'aa biraa hin qeebalu islaamummaa isa ergamaan Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ittiin dhufe malee, islaamummaa malee amantii biraa namni qabate isa irraa hin qeebalamu, namni seerota shariattii kanaa bal'inaan beekuu barbaade kitaabban fudhatamoo kan islaamummaa beeksiftu keessaa haa barbaadu.

Dhugumatti Kaayyoon shari'aa islaamaa -akkuma kaayyoo ergaalee Rabbii samii cufaa-: ilmi namaa amantii haqaatiin akka kabajamu akka gabra qulqulluu Rabbii aalamaatiif qofa tahuufidha,ilma namaa gabbaruu ykn wontoota ykn falfala irraa isa haa bilisoomsuufi.

Dhugumatti Shari'aan islaamaa yeroo fi iddoo hundaaf tan taatudha, bu'aa ilma namaa sirrii wajjiin wanti wal faalleeysu isii keeysa hin jiru,shugumatti waan isiin Rabbii waan namni haajamu beeku biraa buuteefi, ilmi namaa shari'aa ifii isiitiif sirrii kan gariin isaa garii isaa hin faalleysine, kan dhala namaa tolchutti haajomaadha, kan namni namarraa ta'e isa hin keenye, inumaa Rabbuma bira kan dhufu kan ta'au, nama karaa kheyriitii fi karaa sirriitti kan qajeelchu, isatti hogguu murteeyfatan amriin isaanii raggaatee miidhaa gariin garii miidhu irraa nagaya bahan.

7- Ejjannoo Mormitoonni isaa isarraa qabu Ragaa isaan isaaf bahani

shakkiin takkalleen hin jirtu nabiyyiin hundi mormitoota isa diineyfatan karaa da'awaa isaa irra dhaabbatan akka qabu, namni akka isatti hin amanne kan irraa deebisan, ergamaa Rabbii Muhammadiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- jireenya isaa keessattii fi du'a isaa boodas mormitoota hedduutu ture, Rabbiin isaan hunda irratti dhugumatti isaaf tumsee jira, ragaan hedduu isaanii daddabraa dhuftee jirti -durii fi ammas- akka inni nabiyyi tahee fi akka inni dhugumatti fakkaatuma nabiyyooni dabran -rahmannii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- dhufaniitiin akka inni dhufe, dhugumatti isaan ni beekan akka inni dhugaan haqarra jiru garuu hedduu isaanii akka hin amanne waan hedduutu isaan dhoorka, akka aangoo jaalachuu ykn hawaasa sodaatuu faa ykn maallaqa aangoo isaa irraa arkatu dhabuu faa.

Faaruun kan Rabbii alamaati.

Kan isa barreeyse proofeesar Muhammad bin Abdallaah Assahiim

Barsiisaa Aqiidaa Damee barnoota islaamummaatti(duratti)

Koollejjii Tarbiyaa, Yuniversiitii Al_Malik Su'uud

Riyaad, Su'uudii Arabiyaa

Ergamaa Islaamaa Muhammad Rabbbiin nagaa fi Rahmata isa irratti haa buusu.

1-Maqaa isaa, gosa isaatiifi biyya isii keessatti dhalatee keessatti guddate.

2-Fuudha Eebbifamaa Aaddee eebbifamtuurraa

3-Jalqaba beeksisaa(wahyii)

4- Ergaa isaa

5- Aayatoota Nabiyyummaa isaatii fi mallattoolee isiitii fi ragaalee isii

Shari'aan (karaa) isiin Ergamaan Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ittiin dhufeen

7- Ejjannoo Mormitoonni isaa isarraa qabu Ragaa isaan isaaf bahani