Gabaabfamaa bu'a qabeessa Muslima haaraaf
hiikkaa barnootichaa
- اردو - Urdu
- bosanski - Bosnian
- Deutsch - German
- ไทย - Thai
- Luganda - Ganda
- македонски - Macedonian
- ελληνικά - Greek
- فارسی - Persian
- ગુજરાતી - Unnamed
- Mandinka - Mandinka
- Kurdî - Kurdish
- Èdè Yorùbá - Yoruba
- አማርኛ - Amharic
- Pulaar - Fula
- Soomaali - Somali
- Malagasy - Malagasy
- Hausa - Hausa
- Mõõré - Mõõré
- ဗမာ - Burmese
- azərbaycanca - Azerbaijani
- বাংলা - Bengali
- Кыргызча - Кyrgyz
- Wollof - Wolof
- Kiswahili - Swahili
- नेपाली - Nepali
- Kinyarwanda - Kinyarwanda
- Русский - Russian
- Lingala - Unnamed
tarree
Full Description
Gabaabfamaa bu'a qabeessa Muslima haaraaf
Qopheessaan
Muhammad Al-shahrii
2020 - 1441
Maqaa Rabbii rahmata godhaa mararfataa taheetiin.
Duree
Itti aansuudhaan:
Rabbiin ilmaan Aadama kabajee uumamtoota isaa baay'ee irras isaan caalchise, Rabbiin oltahe akkana jedhe: {Dhugumatti, Nuti ilmaan Aadam kabajneerra}
maqaan gaggaariifii sifaanni babbaredduun isaaf taate, tan inni ufiif mirkaneesseefii tan nabiyyiin isaa isaaf mirkaneesse hundi, tan bareeduminnaafii guutuminnaan daangaa geette, fakkaataan akka isaa hinjiru inni dhagayaa argaadha.
kan rahmata godhu:-abba rahmata bal'oofii guddoo tan waahunda hammatte.
Dandayaa:- abbaa dandeeytii guddoo kan dadhabbiifii hifanni itti hin dhufne.
Mootii:-kan sifa kabajaa hundaan beekamu injifataa guddaa, toohataa, kan waahunda dhuunfatee waan fedhe keessatti dalagu.
Dhagayaa:-kan waahunda dhagayu mul'attuufii dhokattuu isii hunda.
Nagaya:- ir'innafii eeybii hundarraa kan qulqullaaye.
Argaa: kan argaan isaa waan hunda marsite hamma fedhes xiqqaa ta'ee muldhatu dhiisus, abbaa agartii wantootaa, dhugaan isii beekaa kan tahe, dhoksaa isii argaa kan tahe.
Irkoo: rizqii uumamtoota isaatiif ofqabaa, faayidaalee isaaniitiif dhaabbataa kan tahe, kan jaalalloowwan isaa dhimma isaanii fudhatee isaaniif laaffise dhimmoota isaanii kan toohatu.
Uumaa: argamsiisaa wantootaatii Ammas uumaa isii fakkii isii dura dabarteen maletti.
Gara laafaa: kan gabroottan isaa kabaju, isaaniif mararfatu, gaafii isaaniitis kannuuf.
Gahaa: kan gabroottan isaa waan isaan haajaman hunda gahuuf, kan gargaarsa isaatiin kan biraa irraa if gahan, kan waan isa malee jirurraa isaan durooman.
Araaramaa: kan gabroottan isaa hamtuu badii isaanii irraa baraaru, kan isirratti isaan hin qixaaxne.
Muslimni ajaa'iba uumaa Rabbiitii fi laafisiinsa isaa ni xiinxala, san irraa too'achuu uumamtootaa xixiqqoo isiitiif isii nyaachisuuf carraaquu toohachuu hanga isiin ifiin if dandeessutti, waa qulqullaawee uumaan isii kan isiif garaa laafe, garaa isiif laafuu irraa waan isii gargaaruu fi haala isiif mijjeesse, kun dadhabii isii guutuu waliin.
Nabiyyiin kiyya Muhammadi nagayaaf rahmanni irratti haabu'u.
Muhammad nagayaaf rahmanni irra haa jiraatuu rahmata kennamaa
inni Muhammad ilma Abdallaah nagayaaf (Ramanni irra haa jiraatuu) dhuma anbiyootaatii fi ergamtootaati, Rabbiin ol tahe diin Islaamaatiin ilma namaa guututti isa erge, gama toltuu akka isaan qaceelchuuf irra guddoon isii tawhiida, hamtuu irraa akka isaan dhoorkuuf irra guddoon isii shirkii dha.
ergaan isaatii fi ergaan ergamtoota isa duraa hundi gama Rabbii tokkicha shariikni isaaf hin tahinii yaamuudha.
Qur'aanni kabajamaan jacha Rabbii kiyyaati
Qur'aanni kabajamaan jacha Rabbii ol taheeti kan nabiyyii isaa Muhammad irratti buuse (nagaaf rahmanni isarratti haa jiraatuu) akka ilmaan namaa dukkana irraa gara ifaatti isaan baasuuf gara daandii dhaabbataa akka isaan qajeelchuuf.
namni isa dubbise ajrii guddaatu isaaf argama, namni qajeelfama isatti dalages daandii sirraawaa bobba'a.
hundeelee islaamaa nin baradha
nagayaa rahmanni isarratti haa tahuu ni jedhe: [Islaamummaan shanirratti jaaramte, ragaa bahuu Allaah malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad ergamaa isaa tahuu, salaata dhaabuu, zakaa laachuu, ramadaana soomanuu,hajjii dhaquu].
hundeen duraa: ragaa bahuu Allaah malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirreefii Muhaammad ergamaa Rabbii tahuu raguudha
Rabbiin ol tahe ni jedhe: {beeki Allaah malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre} [Muhammad: 19].
hiikkaan Allaah malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre ragaa bahuu: gabbaramaan dhugaa Allaah malee hin jiru.
salaata dhaabuun isii gaggeessuudha akkaata Rabbiin oltahe karaa itti godhee ergamaan isaa Muhammad [nagahaam rahmanni isaanirra haajiraatu) nu barsiise saniin.
hundeen sadaffaa: zakaa laachuu.
Rabbiin ol tahe ni jedhe: {zakaa laadhaa ykn kennaa} [Al-Baqarah: 110
isiin haqa dirqamtuudha maallaqa keessatti yeroo inni hanga murteeffame gahe, gosa saddeetiif kennama Rabbiin Qur'aana keessatti isaan dubbate, isaan keessaa hiyyeessaaf miskiina.
rawwachuu isii keessatti mararfannaaaf gara laafummaan beekkamuu, amala Muslimaatiif horii isaa qulqulleessuu, lubbuulee hiyyeessotaaf miskiinotaa jaalachiisuu, walitti dhufeenya jaalalaaf obbolummaa jidduu hawaasa Muslimaatu keessa jira, kanaaf Muslimni gaariin gaarummaadhaan isii baasa isii gaggeessutti lubbuun isaa gammadduudha, nama biraa gammachiisuu isii keessatti jirtuuf.
hangi zakaa dhibbantaa 2.5% maallaqa ol kaahamerraa dahabaa, meetaa, maallaqaa fi meeshaalee daldalaa bittaaf gurgurtaaf qophoyte; yeroo hangi isii hanga murteeffame gahee waggaa irratti naannooyte.
akkasuma zakaan ni dirqamti nama beyladarra hanga murtaawe qabu irratti (Gaala, Horii, Re'eef Hoolaa), caalaa waggaa osoo abbaan hin nyaachifne citaa dachii irraa ka dheeddu yoo tahe.
akkasuma zakaan ni dirqamti waan dachii irraa bahu keessatti firiilee, ashiitaaleef albuudotaaf ziqayoota yeroo hanga murtaawe gahan.
hundeen afraffaa: ramadaana soomanuu.
Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Yaa warra amantan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif Soomni akkuma warra isin duraa irratti dirqama ta'etti isin irrattis dirqama godhamee jira}. [Al-Baqarah: 110].
Ramadaanni: ji'a sagalaffaa waggaati lakkoofsa hijrarraa, inni ji'a guddifamaadha Muslimoota biratti, iddoo kophaa qaba ji'oota hafan irraa addatti, guutuu isaa soomanuun hundeelee islaamaa shanan keessaa tokko.
soomanni ramadaanaa: Rabbi gabbaruudha nyaata, dhugaatiif walqunnamtii saalaa irraa if qabuun, waan soomana balleessu hundumarraahuu yeroo fajriin baatu irraa hanga aduun seentutti ji'a ramadaanaa kabajamaa guutuu.
hundeen shanaffaa: mana rabbii kabajamaa hajjuudha(hajji godhuu)
Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Rabbiif hajjii dhaguun nama dandahe irratti dirqama tahee jira}. [Aali imraan :97]. Hajjiin nama dandeettii itti qabuuf taha, umrii keessatti yeeroo takka, innis: beytal haraamiif mallattoolee qulqulluu fuulleeffachuudha Makkatti ibaadaalee murteeffamtuu gaggeessuuf yeeroo murteeffamtuu keesatti, Nabiyyiin -nagaaf rahmanni isarratti haa jiraatuu- hajjee jira isa males Nabiyyoonni isa dura jiranis hajjanii jiran, Rabbiin Ibraahiim nageenyi isarratti haa jiraatu hajjiif akka nama keessatti yaamu ajaje, akkuma Rabbiin Qur'aana keessatti hime akkana jedhe: {Sirna hajjii akka raawwatan namoota keessatti lallabi. Namoonnis sirnicha raawwachuuf miilaafi geejjiba haffallii hunda irra ta'anii, daandiiwwan fagoo irraa sitti dhufu. [Al-Hajji: 27].
Arkaana iimaanaa nin baradha
dalagaalee qamaa mullattuun hojjachuun: akka salaataa, hajjii, soomanaa ...qaama dhokattuun tan qalbitti rarraatu akka Rabbi jaalachuuf isa sodaachuu, isarratti irkachuuf isaaf qulqulleessuu.
warroonni isa hubatan gabaabinaan akkanatti beeksisan; qalbiin amanuu, arrabaan jechuu, qaamaan hojjachuu, toltu dalagun hin dabala, hamtuu dalaguun hin hirdhata.
Rabbitti amanuun rabummaa isaa keessatti isa tokkichoomsuu, gaabbartummaa isaa keessattis maqaaf sifa isa tokkoomsuu hammata, innis wantoota armaa gadii ofkeessaa qaba:
jiraachuu isatti amanuu; inni qulqullaahe oltahe
Rabbummaa isatti amanuu inni qulqullahi inni moti waa hundaatii uumaa hund ammas kan hiree waan uume marafu kennu, kan amri hundaa asi achi gagaragalchuu.
ilaahiyyumma isatti amanuu, inni qulqullahe isuma qofatu gabbartiii haqa godhataa kophaa isaa qindiin takkalle humaa keessatti isaaf hin jiru, isirra akka salataa, kadhaa, qalma, gargaarsifachuu, ittiin maganfachuu fi ibaadaalee biraa cufa.
maqaalee isaa toltuuf sifoota isaa ol aantuu taate tan inni ifiif raggaasise, takkaa ergamaan isaa (rahmataaf nageenyi isarratti haa jiraatuu) isaaf raggaasise, waan inni ofirraa haqe irraa haqu, takkii ergamaan isaa (rahmataaf nageenyi isarratti haa jiraatuu) isarraa haqee maqaaleef sifaatarraa, sifaanni isaa tolinafii gutuma keessatti galma gahanii jiranii, fakkaataan isaa tokkolleen hin jiru inni dhagayaadha argaadha.
hundeen lammaffaa: Malaa'ikatti amanuudha.
isaan uumamtoota guddaadha humna isaaniitiif baay'ina isaanii Rabbi malee humaatuu hin dhaqqabu, isaan hundaaf bifoota, maqaaleef hojii rabbiin isaan qofaaf laateetu jira, isaan keessaa Jibriili nageenyi isarratti haa jiraatut kan wahyii buusuu irratti ramadame, Rabbirraa gama ergamtoota isatti buusa.
hundeen sadaffaa: kitaabbanitti amanuudha
kitabban samii tan Rabbiin oltahe kitaaba isaa keessatti hime isiinis:
Qur'aana kabajamaa: Rabbiin nabi Muhammad -rahmataaf nageenyi isarra haa jiraatuu- irratti buuse.
Al Zabuur:Rabbiin nabi Daawuud nageenyi isarra haa jiraatuu irratti buuse.
hundeen afraffaa: ergamtootatti amanuu
jala muranii amanuudha Rabbiin ol tahe ummata hunda keessatti ergamaa ergee jira akka isaan yaamuuf gama Rabbi qofa gabbaruu qindii takkaan maletti, waan Rabbii gaditti gabbaramuttis akka kafaraniif.
isaan hundi ilmaan namaati gabroottan Rabbiiti, isaan dhuga himtoota dhugoomfamtoota, Rabbi sodaattota amanamtoota, qajeeloodha qajeelchitoota, Rabbiin isaaniif tumse mu'ujizaalee dhugaa dubbachuu isaanii mirkaneessitun, isaan hundinuu dhaqqabsiisanii jiran waan Rabbiin isaaniin erge, isaan hundinuu haqa mullataa fi qajeelloo ifa baatuu irra turan.
yaamichi isaanii jalqabarraa hanga dhumatti hundee amantii keessatti waliif galtee jirti, isiinis Rabbii ol tahe tokkoomsuui isatti qindeessuu dhabuudha
hundeen shanaffa: guyyaa boodatti amanuudha
Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Rabbiin dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiru, Dhugumatti Guyyaa Qiyaamaa walitti isin qabuu isaa keessa mamiin kan jirre, Eenyutu Rabbiin caalaa haasa'a keessatti irra dhugaa dubbata?} [Al-nisaa'a: 87]
jala muraniii dhugoomsuudha waan guyyaa boodatti rarra'u hunda, waan Rabbiin ol tahe nuuf hime irraa kitaaba isaa keessatti, takkaa tan nuuf hime nabiyyin keenya Muhammad (rahmataafi nageenyi isarra haa jairaatuu) akka du'aatii nama, kaafamuu, walitti qabamuu, magantaa miizaana, jannataaf ibiddaa, kana malee kan jiran wantoota guyyaa boodaatiin wal qabatan.
hundeen jahaffaa: murtee Rabbitti amanuudha toltuu isaatiif hamtuu isaatis
Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Nuti waan hunda hamma murtaa'een isa uumne. [al-qamar: 49].
amanuudha akka wanni umamtoota irra gahu taateelee adda addaa irraa jiruu duniyaa tana keessatti beekkumsa Rabbiitiini murtee isaatiini gaggeessa isaatiin kophaa isaa qindiin takkallen kan isaaf hin jirretti, murteeleen tun barreeffamtuudha ilmi namaa uumamuun duratti, ilma namaatiif fedhiif barbaaduutu jira, inni gocha isaa dhugaan raawwataadha; haa tahu malee sun hunduu beekkomsa, fedhiifii dandeettii Rabbiitiin alaa miti.
murtee Rabbitti amanuun sadarkaa afur qabdi isiinis:
lammaffa: amanuudha kitaaba Rabbit waan tahu hundaaf hanga guyyaa qiyaamatti
sadaffaan: amanuudha fedhii Rabbii tan gaggeessituu taateef dandeettii isaa guutuu taate, wanni inni fedhe ni taati wanni inni hin fedhin hin taatu.
afraffaan: amanuudha Rabbiin uumaa waan hundaa tahuu, qindiin kan isaaf hin jirre uumaa isaa keesatti.
wuduu'a nin baradha
Ni jedhea nagayaaf rahmanni irratti haa bu'uu: (namni wadda'atee, wuduu'a isaa tolfate diliin isaa qaama isaa irraa baati).
gabrichi gama Rabbii isaa ni dhufa qulqulleeffataa ka taheen qulqullina qaamaa ykn gubba wudu'aan tan ma'anaadha ykn keessaa ibaadaa tana gaggeessuu isaatiin, Rabbiif qulqulleessaa haala taheen qajeelloo nabiyyiti -nagaaf rahmanni isarrati ha jiraatuu- hidhataa ka taheen.
waan wudu'uni keessatti dirqamu:
1- salaata fardii tahee sunnaa tahee.
2- ka'abaan xawaafuu
nin wudu'adha nin dhiqidha bishaan qulqulluun:
bishaan qulqulluun: bishaan samirraa bu'e hunda takkaa kan dachii bahee akka aslii isaa sanirratti hafe, sifa isaa sadeen keessaa takkalleen kan hin jijjiiramin isiinis: bifa, dhandhamiif fooliidha, waan qulqullina bishaanii balleessuuun kan hin jijjiiramin.
adeemsa 1: niyachuudha iddoon isiitis qalbiidha: qalbiin murachuudha ibaadaa hojjachuu Rabbitti dhihaachuuf.
adeemsa 2: harka lamaan dhiqachuu.
adeemsa 3: afaan lulluuqachuu.
afaan lulluuqachuun: bishaan gar afaanitti galchanii keessaa naanneessuu, eegasii baasuu.
adeemsa 4: funyaanitti bishaan fudhachuu.
funyaanitti bishaan fudhachuun: hafuuraan bishaan harkisuu gara gararree funyaanitti.
eegasii bishaan funyaanii baasuu: innis waan funyaan keessa jiru hunda hafuuraan baasuudha.
hangi fuulaa:
bikki areenni irra hin jirre: waan moggaa areedaatiif gurra jidduu jirtu.
moggaan areedaa: rifeensa lafee ol kaatuu sirrii uraa gurraa tan gara mataa seentuutiin jirtu, waan isarraa gadi jedhe utubaan gurraa.
akkasuma fuula dhiqachuun if keessatti hammata waan mullatu hunda rifeensa hedduu areedaa waan isarraa gadi dheerate wajjiin.
tarkaanfii 6: harka lamaan dhiqachuu mataa qubbeenii irraa jalqabee hanga ciqilee lamaanitti.
ciqileen lamaan harka lamaan dhiqachuun dirqamaa keessa galti.
adeemsa 7: mataa guttuu haquu harka lameeniin gurra lameen wajjiin yeroo takka.
dura mataa isaatii jalqabee hanga morma gahutti eegasii achii deebisa.
quba deymaa(Arrabsitu) isaa gurrra isaa keessa galcha.
qubba guddaa isaatiin gurra isaa gubbaa fi keessa haqa.
adeemsa 8: miila lamaan dhiqachuu jalqaba qubbeen miilaa irraa jalqabee hanga kiyyoo lameenitti, kiyyoon lameen miila lameenii dhiqachuun dirqamaa keessa galu.
kiyyoon lameen: lafee ol kaatuu miila gama jalatti argamtu.
wudu'uni wantoota kanneeniin bada:
1. waan karaa lameeniin( hudduufii qaama saalaa jechuudha) bahu akka fincaan, udaan, hafuura( dhuufuu), maniyyiif maziyyiiti.
2. sammuun namaa deemuu hirriba nama fudhateen, gaggaabaan, farshaanuu ykn macaayuu takkaa maraatuun.
3. waan qaama dhiqachuu dirqama godhu hundaan kan akka janaabaa ykn bishaan fedhii namarra bahuu, laguufi dhiiga yeroo da'umsa.
namni yeroo haaja bahe ( mana ficaanii deeme) najisa ifirraa deemsisuun isarratti dirqama taha, bishaan qulqulluun innis filatamaadha, waan bishaan qulqulluu malee jiru kan najisni namarraa ittiin deemsifamu kan akka dhagaa, waraqaa, carqiif fakkaataa isaa. haqaan sun yeeroo sadiif achii oliin qulqulleessituun haquu, waan xahaaraaf hayyamamaanis ni taha.
Kopheefii Kaalsii lamaan irra haquu:
yeroo kophee lamaan takkaa shurraaba(Kaalsii) lamaan uffatan isaan irraan haquun ni taha miila dhiqachuun alatti ulaagaalee kanaan:
1. isaan uffachuun xahaaraa guutuu hadasa xiqqaaf(dhuufuu, udaaniif fincaan) guddaa(waan qaama dhiqachuun dirqama ta'u akka maniyyiin bahuu) irraa taate boodaan tahuu, tan miilli isii keessatti dhiqamte.
2. Kopheefii Kaalsiin xahaara tahuu qaban najisa kan hin tahin.
3. haqaan yeroo isaaf godhamte keessatti tahuu.
4. halaal tahuu qabu, fakkeenyaaf waan hatamee waan dirqamaan namarraa fuudhame tahuu hin qaban.
kopheen lamaan: waan miilatti uffatamu kalloof fakkaataa isarraa, akkasuma kopheen miila lamaan haga kiyyoo dhoksitu.
shurraabni lamaan: waan namni miila isatti uffatu carqiif fakkaataa isaa innis waan (Kaalsiin) beekkamu dha.
hayyummaa kophee lamaan haquun karaa godhamteef:
hayyummaan kophee lamaan irra haquun karaa godhamteef muslimtootarratti laaffisuufi, kanneen kophee ykn shurraaba baafachuun iti jabaatu akkasumas miila dhiqachuun, keessumattuu yeroo qabbanaa, akkasumas yeroo imalarra jiran.
yeroo haqiinsaa:
namni ganda jiru: guyyaa takkaaf halkan takka (sa'aa 24).
nama imalarra jiruuf: guyyaa sadiif halkan isii (sa'aa 72).
yeroon haqiinsa lakkawamuu kan jalqabu haqaa duraa erga hadasaatii.
akkaataan haqaa kophee ykn shurraabaa:
1. harki lamin ni jiifama.
2. harki ni oofamti gubbaa faanaa irraa (fiinxa qubbeenii irraa hanga jalqaba miilaa)
3. miilli mirgaa harka mirgaatiin, miilli bitaa harka bitaatiin haqamti.(harkuma mirgaatiin geeffamus rakkinna hin qabu)
waan haqaa balleessu:
1. waan qaama dhiqachuu dirqama godhu.
2. yeroon haqaa dhumuu. 3. waan miila irratti uffatan san baafachuu
qaama dhiqachuu
yoo dhiira ykn dubartii irraa qunnamtiin saalaa gaggeeffame, ykn maniyyiin namarraa bu'uun hirribaa keessa tahee dhageytiin; dhiqachuun isaanirratti dirqama salaata salaatuuf takkaa waan xahaaraa nama gaafatu gaggeessuuf, akkasuma dubartiin yeroo laguu yk dhiiga da'umsaa irraa qulqulleeffatte dhiqachuun isirratti dirqama salaata salaatuu duratti.
akkaataan dhiqannaa akka itti aanu kanatti:
Muslimni qaama isaa hunda bishaaniin waliin gahuu qaba haaaluma taheenuu, isarraahi aafaan lulluuqachuufi funyaanitti bishaan fudhatanii baasuun, qaama isaa hogguu bishaaniin waliin gahe hadasni guddaan irraa fuudhama, xahaaraan isaatis ni guuttamti.
nama janaaba qaburratti wantoota asii gadii hojjachuun ni dhoorkama hanga dhiqatutti isaanis:
01 salaata.
02 ka'abaa xawaafuu.
03 masjida keessa taa'uu, dabruu qofaatu isaaf hayyamama osoon turretti.
04 Qur'aana qabachuu.
05 Qur'aana qara'uu.
tayammuma
Muslimni bishaan ittiin xahaaratu yoo hin argatin takkaa bishaan fayyadamuu yoo hin dandahin sababa dhukkubaaf fakkaataa isaatiin ammas yeroon salaataa itti dabruu yoo sodaate. biyyeedhaan tayammuma godhata.
akkaataan isaa harka isaatiin dhahaa takka dhahee eegasii fuula isaatiif shanacha isaa qofa ittiin haxaawa. biyyeen xahaara tahuutu barbaachisa.
tayammumni wantoota asii gadii kanaan bada:
1- tayammumni waan wudu'uni ittiin baduun ni bada.
2- hogguu bishaan argame osoo ibaada tayammumni godhameef san hin eegalin dura.
Rabbiin muslimarratti guyyaa fii halkan keessatti salaata shan dirqama godhe isiinis: fajrii, zuhrii, asrii, maghribaa fi isha'ii dha.
salaataaf nin qophaawa
yeroo waqtiin salaataa seente muslimni ni qulqulleeffatta hadasa xiqqaafi( waan wudu'a cabsu ) guddaarraa(waan qaama dhiqachuu dirqisiisu), yoo hadasa guddaa qabaate.
hadasni guddaan: waan muslima irratti dhiqachuu dirqama godhu.
hadasni xiqqaan: waan muslima irratti wudu'a dirqama godhu.
Muslimni ni salaata uffata qulqulluun iddoo najaasaa irraa qulqulluutti awraa ykn qaama isaa dhoyfatee.
Muslimni yeeroo Salaataa uffata bareedaan faayama, qaama isaatis ni sattara ykn dhoksaa, yeeroo sallataa Handhuuraafii Jilba jidduu waan jiru tokkollee mullisuun hin eeyyamamu.
dubartirratti dirqama taha qaama isii hunda dhoysuun yeroo salaataa fuulaa fi harka lameen malee.
Muslimni salaata keessatti hin dubbatu jechoota salaataaf kaawwamte malee, callisee imaama dhageeffata, salaata isaa keessatti hin millatu, yoo jachoota salaataa jachuu dadhabe hanga salaata fixutti Rabbi yaadata isa qulqulleessa hanga salaata fixatutti, salaataafii waan isii keessatti ja'amu barachuun isaa dirqama.
salaata nin baradha
adeemsa 1: niyyachuudha dirqaman gaggeessuu deemuuf, iddoon isiitis qalbiidha.
ergan wudu'adhe booda, qiblattin fuula deebi'a, dhaabbadheetin salaata yoonin dandahe.
adeemsa 2: harka kiyya ceekuu lameen afotti qixxeessee akkas ja'a (Allaahu akbar) salaata jalqabuu niyyadhee.
faatihaa booda qur'aanarraa waan laafe nin qara'a raka'aa duraatiif lammaffaa qofa keessatti, kun dirqama miti garuu isa dalaguu keessa galata gurguddaatu jira.
adeemsa 6: nin ja'a (Allaahu akbar) eegasii rukuu'an bu'a hanga duuydi kiyya wal qixxaatuu harki kiyya lameen jilba kiyyarra ka jirtu qubbeen kiyya addaan banuun, eegasii nin ja'a rukuu'a keessatti: (subhaana Rabbiyal aziim).
adeemsa 7: rukuu'a irraa olin ja'a akkana jachaa: (sami'allaahu liman hamidah) harka kiyya ol fuudha haga afoo ceekuutti, hogguu qaamni kiyya wal qixxaate dhaabbate ni ja'a: (Rabbanaa walakal hamdu).
adeemsa 8: nin ja'a (Allaahu akbar) ammas nin sujuuda harka lameen irratti, jilba lameen irratti, qubbiin luka lameen irratti, adda irrattiif funyaan iratti, nin ja'a sujuuda kiyyya keessatti: (subhaana Rabbiyal a'alaa).
adeemsa 9: nin ja'a (Allaahu akbar) sujuuda irraa olin ja'a hanga duundi kiyya wal qixxaadhutti faana bitaa irra taa'ee faana mirgaa dhaabee, nin ja'a: (Rabbighfir lii)
adeemsa 10: nin ja'a: (Allaahu akbar) nin sujuuda ammas tanuma akka sujuuda duraa.
adeemsa 11: olin ja'a sujuudarraa (Allaahu akbar) jachaa hangan qax ja'ee dhaabbadhuu, raka'aalee salaataa hafan hunda keessatti fakkaatuma raka'aa duraa keessatti dalage sanin dalaga.
adeemsa 12: san booda nin salaammadha gara mirga kiyyaatti ni ja'a: (assalaamu alaykum wa rahmatullaah) bitaa kiyyattis nin slaammadha nin ja'a: (assalaamu alaykum wa rahmatullaah) niyachaa salaatarraa bahuu, haala kanaan salaata kanin gaggeessen taha.
hijaaba dubartii Muslimaa
dubartiin Muslimaa uffata isii keessatti ulaagaalee hanga takka eeydi:
kan duraa: qaama hunda hammachuu.
lammaffaa: wanni isiin uffattu faayaaf tahuu dhabuu.
sadaffaa: haphii qaama isii mullisu akka hin taane.
afraffaa: ballaa kan dhiphaa hin tahin kan qaama isiirraa waa garsiisu hin tahin.
mallattoo mu'uminaa irraa
-dubbii isaa keessatti dhugaa himaa kan hin kijibne.
.beellamaafii waadaa kan guutu.
-waldhabbii keessatti daangaa hin bahu.
-amaanaa kan geessu.
-obboleessa isaa kan Muslimaatiin waan lubbuu isaatiin jaalatu kan jaalatu.
-arjaa.
-qadara Rabbii kan fudhatu kan isa galateeffatu yeroo balloo kan obsu yeroo rakkinaa.
-qaanfiin beekkama.
.qalbiin isaa nama hassaduu irraa nagaya qaamni isaa nama miidhuu irraa nagaya.
-dhiifama namaaf godha.
-dhala hin nyaatu isaanis hin daldalu.
-gubna ykn zinaa hin dalagu.
-farshoo hin dhugu.
-ollatti tola oola.
-hin miidhu hin dagu.
-hin hatu nama hin gowwoomsu.
-haadhaaf abbatti tola oola, yoo Muslima tahuu baatanis, waan gaarii keesstti isaan tole ja'a.
-ilmaan isaa waan gaarummaa irrati guddisa, dirqama shari'atti isaan ajaja, waan gadi galoo fi haraam irraa isaan dhoorka.
- hin fakkaatu dalagaalee warra Muslima hin tahinitti waan amantii isaanii dhuunfaa keesatti ykn aadaa isaaniitiif beekkamtiif mallattoo taate kessatti.
dhugumatti Rabbiin ol tahe nu argamsiise aalama kana keesatti ogummaa guddoof taphaaf nun uumne; isiinis isa gabbaruudha kophaa isaa qindiin takka kan isaaf hin tahin, karaa nuuf godhe amantii Rabbi biraa taate guutuu dhimmoota jiruu teenya dhuunfaaf walii galaa kan sirreessu, shari'aa haqaa tanaan ni tiyse barbaachiftuulee jiruu; isiinis amantii teenya, lubbuu teenya, kabajaa keenya, sammuu teenyaafii horii keenya, namni ajaja shari'aa jala deemaa haraam eeggataa jiraate dhugumatti wantoota barbaachisoo kana tiiyse shakkii takka malee gammachufii tasgabbiin jiruu isaa keessatti jiraata.
hariiroon guddoon tun isii keessooti tan ibaadaa rahmaan akka dhandhaman nama gotu, isa qunnamuuf hawwutti, qalbii isaa bararsiifti samii gammachuu keessa fidachuudhaan mi'aa iimaanaa.
eeyyeen namni hoguu rabbii isaa fuuldura jiraachuun yoo itti dhagahame,yoo maqaalee isaatiif bifoota isaa toltuun isa beeke, akka waan arguutti isa gabbare, gabbartii isaa keessatti Rabbiif qulqulleesse, Rabbi ol tahe malee waan biraa ittiin hin kajeelle ni jiraata jiruu milkii addunyaatiif booddee gaarii aakhiraa.
miidhaan mu'umina tuyxulleen addunyarratti oowwi isii qabbana yaqiinaatiin deema, ammas murtii Rabbii ol tahee jaalachuun, isa faarsuun murtii isaa hundarratti toltuuf hamtuu isii, guutumatti isii fudhachuu.
rahmataa fi nageenyi Allaah nabii keenya Muhammadiin, maatii fi saahibban isaanii mara irratti haa jiraatu.
xumuramte.
baafata
lakkoofsa
mata duree
fuula
gama uwwisuu deebi'uu
gara baafataa dabri
muuxannoo kitaabicharraa argatte nuuf qoodi
marsarii keenya daawwadhu
kitaaba hirmaannaa bilbilaa
gara mata duree dabruuf tuqi
gara uwwisuu deebi'uuf suura tuqi
baarkoodii haqi
argisiisni barsiisa kiyyaa (paawar pooyintii)
oomishni piroojektii
kitaaba maxxanfamaa
kitaaba bilbilaa
marsaritii
argisiisa paawar pooyintii
maxxansa bilbila ismaarti foon qofaa
Gabaabfamaa bu'a qabeessa Muslima haaraaf
Dhagayaa:-kan waahunda dhagayu mul'attuufii dhokattuu isii hunda.
Qur'aanni kabajamaan jacha Rabbii kiyyaati
hundeen sadaffaa: zakaa laachuu.
hundeen afraffaa: ramadaana soomanuu.
hundeen shanaffaa: mana rabbii kabajamaa hajjuudha(hajji godhuu)
Qur'aana kabajamaa: Rabbiin nabi Muhammad -rahmataaf nageenyi isarra haa jiraatuu- irratti buuse.
Al Zabuur:Rabbiin nabi Daawuud nageenyi isarra haa jiraatuu irratti buuse.
hundeen shanaffa: guyyaa boodatti amanuudha
hundeen jahaffaa: murtee Rabbitti amanuudha toltuu isaatiif hamtuu isaatis
eegasii bishaan funyaanii baasuu: innis waan funyaan keessa jiru hunda hafuuraan baasuudha.
quba deymaa(Arrabsitu) isaa gurrra isaa keessa galcha.
2- hogguu bishaan argame osoo ibaada tayammumni godhameef san hin eegalin dura.